Manni murtii Obbo Lidatuu Ayyaaleew akka wal’aansa argatan ajaje

Madda suuraa, The Reporter
Manni murtii Obbo Lidatuu Ayyaaleew wal’aansa fayyaa akka argatan Wixata har'aa ajajuu hordofee, Kixata boruu wal’aansa akka argatan pirezedantiin Paartiin Dimokiraasummaa Itoophiyaa Obbo Adanaa Taaddasaa himan.
‘’Dhukkubbiin itti dhaga’amaa waan jiruuf jecha manni murtii poolisiif akka ajaja nuuf kennuuf’’ xalaayaan dhiyeeffachusaanii himuu, haaluma kanaanis manni murtii ajaja waan dabarseef boru mana yaalaa deemu jechuun Obbo Adaanaan BBCtti himaniiru.
Waa’ee fayyaa Obbo Lidatuu gaafatamanii akkas jedhan: ‘’Homaa otoo hin dhoksiin himuu kanaan barbaadu yeroo kaanirra miira dhukkubbiitu irraa mul’ata’’ jedhan.
Qaamni isaanii amma tokko hir’ateera (huuqqataniiru) jedhan Obo daanaan.
Dhukkubsachuusaanii irraa kan ka’e namoonni akka hin dhiphanneef yoo itti hammaate malee dhukkubbii fi dararama keessa jiran namatti himachuun hin barbaadanis jedhan.
‘’Guyyoota sadan torban kanaa keessatti kan hubanne dhukkubsachaa jiraachusaaniti, balaan lubbuuf sodaachisu akka irra hin geenyeef yaadda’aa jiru. Kana dura nan dhukkubuu hin yaadinaa, hindhiphatinaa jedhu ture’’ jechuun ibsan.
‘’Yoo xinnaate boru mana yaalaa kan nuuf dhaqan yoo ta’e bu'aa wal’aansaa doktora irraa barreessifnee lubbuun isaanii balaarraa akka hinbuune tattaaffii keenya itti fufna'' jechuun BBCtti himan.
Wal’aansaaf biyyaa alaa wayita turanitti, dhibee biraa qabaachuun akka itti himamameefi wal’aansa baqaqsaanii yaaluu taasifameen booda bellamni ji’a jahaa akka kennameefii ture Obbo Adaanan himaniiru.
Hakima isa wal’aane wajjiin erga walii barreessaa turanii, sababoota gara garaatiin waggaa tokko booda dhaquuf guyyaan lama wayita hafetti kan to’ataman jedhan.
‘’Wal’aansi kun biyya keessa hinjiru, meeshaan wal’aansa isaanii oolus biyya keessa hin jiru. Meeshaa ittiin wala’aaman anilleen gaafadheera. Sakkata’iinsuma fayyaaf yoo ta’e malee meeshaan ittiin wal’aanamuu danda’u biyya keessatti hinargamu'' jedheera.
Minseensi Paartiin Dimokiraasummaa Itoophiyaa Obbo Lidatuu Ayyaalew ji’oota muraasaan dura erga to’atamanii as mana hidhaatii hinbaane.












