Siyaasa Itoophiyaa: Murteen Mana Maree Federeeshinii 'fudhatama' hin qabu – Naannoo Tigiraay

Murtee Manni Maree Federeeshinii mootummaan Federaalaa hariiroo kamiyyu mootummaa naannoo Tigiraay waliin akka hin qabaanne dabarse bu'uura Heeraa hin qabu jedhan Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Tigiraay.
Akka murtee Mana Maree Federeeshiniitti mootummaan Federaalaa mootummaa Tigiraay sadarkaa naannoo waliin hariiroo kamiyyu hin qabaatiin malee magaalotaafi gandoota waliin garuu hariiroo qabaachuu ni danda'a.
Af-Yaa'iin Mana Maree Naannoo Tigiraay Obbo Rufaa'el Shifarree dhimma kana irratti BBCtti akka himanitti, mootummaan Federaalaa naannoo irra darbee bu'uura seeraa caasaa mootummaa gajjallaa jiru waliin hojjetu hin qabaatu jedhan.
Caasaalee mootummaa naannoo sadarkaa gara garaarra jiran, aanaatii hanga gandaatti kan ijaaruu danda'u mootummaa naannooti kan jedhan Af-Yaa'ichi, murtee Mana Maree Federeeshinii fudhatama hin qabu jedhan.
Kana malsee jedhan Obbo Rufaa'el, murteewwan Fulbaanaa 25 booda Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataafi Manni Mareee Federeeshinii dabarsan kamiyyu naannoo keenya keessatti fudhatama akka hin qabaanne dursinee beeksifneerraadha.
Kaleessa Manni Maree Federeeshinii mootummaan Federaalaa mootummaa naannoo Tigiraay waliin hariiroo kamiyyu akka hin qabaanne murtee dabarsee ture.
Manni Maree Federeeshinii kora idilee kaleessa gaggeeffateen murtoo kanarra kan ga'es filannoo naannoon Tigiraay addatti gaggeesse Heera mootummaa kan diige waan ta'eef fudhatama kan hin qabnedha jechuun.
Af-yaa'ii Mana Maree mootummaa naannoo Tigiraay Obbo Rufaa'el Shifarree dhimma kana irratti gaaffii BBC'n dhiyeesseef deebisaniiru.
Akka seeraatti Manni Maree Federeeshinii kan bakka bu'oonni sabaafi sablammmootaa naannolee gara garaa keessaa bakka itti buufaman ta'uu kan ibsan Obbo Rufaa'el, "Haata'u malee akkuma kanaan dura irra deddeebiin ibsaa turreetti manni marichaa aangoosaa karaa seera qabeessa hin taaneen dhimma itti ba'aa dhufeera," jedhan.
"Manni Marichaa karaa Heera mootummaa hin taaneen Heera hiikuun aangoo isaa kan dheerefate waan ta'eef bu'uura heeraa hin qabaatu.
Sababiin isaa ammoo manneen maree naannolees ta'an Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa akka heera mootummaatti waggaa shan shaniin filannoon gaggeeffamuu qaba," jedhan.
Akka Af-yaa'iichi jedhanitti sababii hin taane bu'uura godhachuudhaan hiika heera mootummaa kennuun aangoo isaa kan dheereffate waan ta'eef bu'uura heera mootummaa hin qabaatu jedhan.
Kanaan dura barri aangoo mana marichaa waan xumurameef hanga filannoon gaggeeffamee naannoleen bakka buutota ergatanitti, miseensonni Mana Maree Federeeshinii naannoo Tigiraay bakka bu'an akka hin hirmaanne yeroo isaatti beeksifneerra jedhan Obbo Rufaa'el.
Yeroodhaa gara yerootti ejjennoo naannoo isaanii beeksisaa akka dhufan kan kaasan Af-yaa'ichi, manni maree Federeeshinii Fulbaana 25 booda bu'uura heera mootummaa hin qabaatu jedhan.
"Sababiin isaa bakka bu'ummaa sabaa, sablammootaafi ummattootaa hin qabu. Nutis akka naannoo Tigiraayitti mana maree naannoo irraa Mana Maree Federeeshiniif kan bakka buufne namni tokkollee hin jiru.
Kan hirmaates hin jiru. Kana waan ta'eef, murtee inni dabarses fudhatama seeraa hin qabu; naannoo keenyattis kan raawwatamuu danda'u miti. Sababiin isaa ammoo Manni Maree Federeeshinii matuma isaafiyyu seera qabeessummaa hin qabu," jechuun dubbatan.
[Manni Maree Federeeshinii ] tuffii ummata Tigiraayiif qabu yoo ta'erraa kan hafe, filannoo ummanni miliyoona 2.7 ta'u fedhii mataa isaatiin kaka'ee karaa seera qabeessa gaggeeffatee mana maree ijaarrachuun mootummaas ijaarrateera jedhu.
Akka Obbo Rufaa'el jedhanitti Heera mootummaa eegee deemaa kan jiru mootummaafi ummata Tigiraayidha.
Murtee Mana Maree Federeeshinii
Manni Maree Federeeshinii mootummaa naannoo Tigiraay irratti murteewwan sadii dabarsee ture.
Inni jalqabaa, filannoo faallaa heera mootummaa naannoon Tigiraay gaggeessuun hordofee mana maree naannichatti ijaarameefi qaama seera raawwachiisan ol-aanoo waliin mootummaan federaalaa hariiroo kamiyyu akka hin qabaanne murteesseera.
Lammaffaan ammoo, mootummaan federaalaa fedhii misoomaafi tajaajilawwan bu'uuraa ummata Tigiraay giddu-galeessa godhachuun bulchiinsa magaalaafi gandaa dabalatee, naannicha keessatti dhaabbileen seera qabeessa ta'an qofa waliin hariiroo qabaata.
Murteen sadaffaan ammoo, hojiirra oolmaa murtee kanaa Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshiniifi koreen dhaabbii dhimma isaan ilaallatuun hordoffii barbaachisu akka taasisan murtaa'era jechuun midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.














