Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Yoon suuraa dabalee ergeef malee hiriyyoota keetiif qooda jechuun na doorsise’
‘’Suuraalee dabalataa yoo naaf erguu didde, suuraa na bira qabduun hiriyoota keetiif qooda jedhee na doorsise’’
Miyaan (maqaa ishii inni sirriin kan jijjirame) umriin ishii nama ganna 13ti.
Nama ga’eessa tokkotu gowwoomsee akka suuraa qullaashii agarsiisu karaa toora intarneetii ergisiise. ‘’Suuraa qullaa koo mul’isu akkan qooduuf na amansiisee’’ jetti.
Jalqaba nama kana wajjin toora Inistaagiraamirratti hiriyaa taane jetti. Sana booda, suuraa dabalataa yoo ergite malee kanin harkaa qabu hiriyoota keettin qooda jedhee na doorsisuutti ce’e jette.
Doorsisa kana garuu haadha kootti hin himanne, nan sodaadhe jette wayita dhaabbata dargaggoota gargaaruutti himattu.
Dhaabbiileen tola ooltummaa/gargaarsaa NSPCC fi Meic jedhaman UK Weelsitti dargaggoota deeggaran, dargaggoonni suuraa qullaasaanii agarsiisuu akkatti walii qooduun yaaddeessaa ta'u himu.
Dhaabbileen kun lamaanuu erga uggurrii sochii labsamee gochii kun caalatti dabalaa dhufe jedhan.
Dargaggoonni hedduun karaa miidiyaa hawaasummaa suuraa walii qooduun bartee ta’aa akka adeeme dhaabbata ‘Meic’ jedhamu keessatti ijoollee fi dargaggoota deeggaruu irratti kan hojjatu Sabihaa Azaad himteetti.
Dargaggoonni qophaasaanii mana turan hiriyyummaa fedhanii, garuu hubannoo dhabuudhaan suuraalee akka ergan dirqisiifamu jetti.
Gochii kuni akka dabaluu kan taasise uggura sochii namoonni akka qaamaan walitti hin dhufne daangessuun, toora intarneetiirra yeroo dheeraa turaa dhufuusaaniti jedha dhaabbanni dargaggoota gargaaru.
Sabihaa Azaad miidhaa akkanatti suuraa qooduun kun qaqqabsiisu himuun barbaachisa akka ta’e kaafte.
Harka caalu kanneen umrii ganna 14-16 gidduutu suuraasaanii qooda, hedduun isaanii mataa suurarraa kutu, garuu mallattolee eenyummaasaanii agarsiisaan irraa hambisuu dagatu jettee Sabihaa Azaad.
Suuraa qullaan akka ergamuu gaafachuun mallattoo hariiroo hiriyummaa to’achuutti ilaalama, dargaggoonni haala kanaan qooduun akka sodaachifaman kaafte.
Shamarran suuraa isaanii qullaa nama biraatti ergan keessaa tokko namoonni hedduun suuraashirratti qeeqaa badaa kennan erga argitee booda nyaata nyaachullee akka jibbite kaafte.
Suuraaleen akkasi miseensa maatii birattilee akka qoodamu malu fi tasgabbii dhabiinsa akka namatti uumu himti.
Akuma Miyaatti Kilooy (maqaan sirrii kan geeddarame) ol adeemtuun ganna 14 suuraa qooddee booda gaabbii keessa buute.
Dargaggooo ‘miidhagaa tokko’ appilikeeshinii namoota hiriyummaaf wal barbaadan walitti fidu ‘dating app’ jedhamurrattin jalqaba walbarre jetti.
Otoo hin turiin wayituma sana suuraa qullaa akka ergituuf gaafate akkuma qoosaattin ‘’tole jedheenii’’ jette.
Boodarra itti gammaduu dhabnaan uggurte/ bilook ofirraa goote.
Yeroo kaan karaa appilikeeshinii biraatin ishii akkuma argateen, ergaa ishii rifachiise maxxansuuf doorsise.
Sana booda hedduun ''gaabbe, gaddees‘’ jette.
Waanin gochuu danda’u hin beeku, kun hundi dogoggora koo ta’u boodarran hubadhee jettee dubbate.
Dhaabbata dargaggoota gargaaruu keessa kan hojjatan Kamru Luusii Okelaheen ijoolleen umriin isaanii ganna 18 gadii suuraa qullaa erguus ta’ee, nama biraas ergisiisuun seeraan alaa jedhan.
Kanaafuu falli sirriin qullaa ofii namaaf qoodu dhiisuudha jedhan.
Hariiroo hiriyummaa keessatti suurri akka hin qoodamne waadaa seenuun walitti ergamu, wayita hiriyyummaan isaanii addaa cite, namni biraa toora intarneetiirratti qooduun boodarra rakkoo keessa qoccollaa hamtuf akka isaan saaxiluu malulle kaasaniiru.