Koronaavaayirasii: Dhukkubsattoota Covid-19 miira funfachuusaanii dhaban

Miirri dhandhamuu yookiin funfachuu dhabuun mallattoolee koronaavaayirasii waliin wal qabataniidha.

Namoonni muraasni akkuma durii fuunfachuu yookiin dhandhamuu yoo danda'an isaa kaan ammoo haala ‘parosmia’ jedhamuuf isaan saaxileera.

‘Parosmia’ jechuun haala namni tokko miira funfachuusaa dhabuuti.

Keet Maakheeniri bishaan ujummoo keessaa bahu ishee jeeqa. Kanaaf, qaama dhiqachuuyyuu rakkatti.

Dubartiin ganna 37 baatii Bitootessaa keessa eega mallattoo jiddugaleessaa koronaavaayirasii mul’iste boodadha kan miirashee funfachuu dhabde.

Walakkaa ji’a Waxabajjii keessa garuu wantoonni adda addaa “foolii gaarii hin taane qabaachuu jalqaban”.

Isheenis furdina hir’isteetti, sodaa qabdi akkasumas gammachuu nyaataa, dhugaatii fi hariiroo namoota faana qabdu irra deebii qabaachuu feeti.

Rakkinni ishee baay’ee hamaadha, bakka nyaanni itti bilchaatutti fooliin gaarii funfachuu waan hin dandeenyeef ni rakkatti.

Sodaanshee inni guddaan kana booda miira funfachuushee irra deebii argachuu hin danda’u kan jedhudha.

“Nyaata gaarii nan jaaladha, manneen nyaataa deemee nyaachuu, hiriyyoota kiyya waliin dhuguu ammatti garuu sun hundi hin jiru. Anaaf dhandhamni foonii gaazii gaazii natti jedhaa,” jechuun dubbatti.

Namoonni Covid-19 qabaman miira funfachuusaanii dhabu. Sababni isaas vaayirasichi tiishuu fi narvii funyasaanii waan miidhuufi.

Haalli kunis yeroo baay’ee qufaa, saayinasii fi miidhaa mataa waliin walqabata.

Miidhamtoonni waan gubataa jiru funfachuu, aara sigaaraa yookiin foon foolii bade funfachuu ibsu.

Yoo haalli kun hamaa ta’e ammoo foolii sun namni akka hoqqisu taasisuu danda’a.

Dubartiin biroo Paaskuwel Hesteer'f immoo fooliin saamunaa ilkaanii baay’ee gadheedha. Kanaaf jecha ilkaan ishee soqiddaan rigatti- akka isheetti soqiddi gaariidha.

Isheenis eega koronaavaayirasiin qabamte boodadha kan miira funfachuushee dhabde.

“Miira funfachuu dhabuun kiyya sammuu kiyyaaf ulfaataa ture. Diina kiyyaafuu kana hin hawwu.”

Barattuu seeraa kan taate Biruuk Joonsimmoo ji’a Ebla keessa ture mallattoo eega mul’iste booda koronaavaayirasiin kan qabamte.

Isheenis wanti isheen funfattu marti foolii “foon gaarii hin taanee” akka qaban himti.

Biruuk dabalataanis akkas jetti: “Yeroo haala kiyya namootaaf ibsu waan qoosu se’anii natti kolfu – waan foolii gaarii hin qabne funfachuu hin danda’u.''

''Dhiibbaan Covid-19 baay’ee hamaa akka ta’e beeka, ta’us garuu namni kamiiyyuu yoom yookiin haalli kun akka fooyya’uu danda’u sitti simu jira jedhee waan hin yaadneef baay’ee na sodaachisa,” jechuun dubbatte.

Namoonni Covid-19 qabaman miiraa funfachuu dhabuu rakkatan lakkoofsi isaanii hammam akka ta’e beekuun rakkisaa ta’us, namoonni kumaatamatti laakka’aman garuu miira dhandhamuu dhabuun rakkatu.

Piroofeesar Kileer Hoopkinsi ‘British Rhinological Society’tti daayirektara yoo ta’an “yaadni dogoggoraa” sababa Covid-19 miira funfachuu dhabuun yeroo gabaabaaf tura jedhu jira jedhu.

“Eeyye, carraan irra deebiin miira ofii argatan jira ta’us garuu namoonni baay’een miira funfachuusaanii yeroo dheeraaf dhaban jiru.”

Funfachuun miira akkasumas yaada keenya keessatti gahee ol’aanaa qaba.