TB Jooshuwaa: Tajaajila waldaa sababa Covid-19 addaan cite eegaluuf ‘Waaqarraa sagalee eegaan jira'

TB Jooshuwaa

Madda suuraa, AFP

Lammiin Naayijeeriyaa karaa foddaa TV amantii lallabu fi raajii himeessa ofiin jedhu TB Jooshuwaan, tajaajila waldaa kiristaanaa Leegositti kennuu adda citee ture eegaluuf ‘Waaqarraa sagalee eegaan jira' jedhe.

Bulchaan Leegoos garuu tajaajilli kun Dilbata dhuftulle jalqabuu ni danda’ama jedhe.

Weerara vaayirasii to’achuuf ji’ootaaf waldaaleen erga cufamanii turanii booda amma namoota keessuummeessuu danda'an walakkaan tajaajila eegaluu danda'u jedhan aanga'aan kun.

TB Jooshuwaan garuu ‘’jalqabuu akka dandeenyu qondaalota mootummaarraa dhageenyeerra, ammammoo ajaja waaqayyoo eegganna’’ jedhee toora tiwitarasaarratti viidiyoo maxxanse.

‘’Akkuma waaqayyoo akka jalqabnu nuuf mirkaneesseen yoom akka tajaajila eegallu isinitti himna’’ jedha Jooshuwaan.

Raajii kan ofiin jedhu Jooshuwaan, jalqaba bara kanaarratti weerarri koronaavaayirasii Bitootessa 27, bara 2020 ni goolabama jedhee raajee/raagee ture.

Kuni osoo magaalota gurguddoo Naayijeriyaa akka Abujaa, Leegosi fi Oguun keessatti sochiin namoota sababa weerarri vaayirasii hammaateen hin ugguramiin guyyoota danuu dura ture.

Gaafas Jooshuwaan akkas jedhe ’’xumura ji’a kanaatti jaalannuus, jibbinus qorichi nama fayyisuu yoo oomishames yoo oomishamuu baates dhibeen kun ni bada’’ wayita jedhu namoonni fuldurasaa ta’aanii hordofaa turan harka walitti rukataafi turan.

Bitootessi 27 gaaf darbu garuu raajichi TV irratti beekamu ‘raajii sobaa’ hime jedhamee itti qoosame.

Sana booda wayita falmatu, 'ani kanin jechuu barbaade Chaayinaa iddoo weerarri kun itti jalqabeetti weerarri vaayirasichaa ni dhaabbata jechuu kooti' jedhe.