‘Humnoonni badii dhiibbaan diinagdee guddaan akka gahu kaayyeefatan'-Obbo Nugusuu Xilaahuun

Madda suuraa, Firaafoli Dhugasa
Haala yeroo biyyatti irraatti ibsa kan kennan Hoogganaan Pirees Seekreetarii wajjira Ministiri Muummee Obbo Nugusuu Xilaahuun hokkorri dhiyeenya biyyatti keessa ture gargaarsa hawasaan to’annoo jala ooleera jedhan.
Hokkorri keessummaa nannoo Oromiyaafi Naannoo Amhaaraa Bulchiinsa addaa saba Oromoo keessatti uumamee ture amma to’annoo jala ooluun nagaan deebi’uu obbo Nugusuun dubbataniiru.
Uummati naannichaa qamoolee nageenyaafi mootummaa waliin ta’uun hokkora kana dhaabsisuu irratti hirmaataniiru kan jedhan Obbo Nugusuun, shakkamtoonni to’annoo jala akka oolaan gochuu irrattis qooda qabu jedhaniiru.
Akka Obbo Nugusuun dubbatanitti ‘‘shakkamtooonni to’annoo jala oolaan, adeemsa seera qabeessaa ta’eefi mirgi namoomaa isaanii eegamee seeratti dhiyaatanii, qorannoonis haala gaariin gaggeefamaa jira.”
Karoorri nageenya Itoophiyaa baleessuu inni ijoon ijaarsa hidhaa abbayyaa gufachiisuuf ta’uu kan himan Obbo Nugusuun kunis qamoolee Itoophiyaa dadhabsuufi hiyyumaa keessa tursu barbaadaniin kan gaggeefamu dha jedhan.
Dabalataanis Mootummaan gaaffii olaantummaa seeraa uummataan dhiyaateef deebiifi ejjennoo cimaa fudhachuuf akka deemu Obbo Nugusuun dubbataniiru.
“Ummaatni Itoophiyaa gaaffii olaantummaa seeraa kaasuun isaa sirriifi barbaachisaa ta’u isaa amanuun mootummaan hojii oolantummaa seeraa kabachiisuu keessaa bal’inaan seeneera.’’
Keessumaa guyyoota 15 darban keessatti, kutaa biyyatti kamittu sochii seeraan alaa keessatti kan hirmaatan namni kamu, seera gadi ta’uun isaanii akka hubatamuuf karaa seeraan itti gaafatamummaa akka fudhataniif hojjatamaa jira jedhaniiru.
Gama kaaniin weerarri Covid-19 dhiibbaa diinagdee guuddaa uumaa wayita jirutti ‘‘humnoonni badii’’ dhiibbaan diinagdee guddaan biyyarra akka gahuuf kaayyeefatanii socho’aa jiruu jechuun Ejeensii Pireesii Itoophiyaatti himan.
‘‘Kaayyoon humnoota badii waqtii qonnaa kanatti uummata jeequu fi nagaa dhabsiisuun kufaatiin diinagdee itti fufinsa qabu biyyattiirratti akka dhalatu gochuudha.’’















