Zimbaabuween madda qabeenya tujaarotaa qorachuu eegalte

Zimbaabuween madda qabeenya tujaarotaa qorachuu eegalte

Madda suuraa, Getty Images

Akka qondaaltonni Zimbaabuwee jedhanitti, namoonni tujaara ta’an qabeenya horatan maddasaa hin ibsan taanaan, manni murtii malaammaltummaarraa yoo bilisa isaan baasellee, qabeenyisaanii irraa fuudhama.

Sagantaan mata duree, jiruu fi jireenya tujaarotaa itti dhiyeenyaan hordofuu ykn “Intensive lifestyle audit’’ jedhamuun eegalame kun qabeenya namoonni horatan maddasaa qulqulleessuurratti cichee hojjeta jedhan Hoogganaan Komishinii Farra Malaammaltummaa Zimbaabuwee Looyis Mataandaa - Mooyo.

Zimbaabuween waggoota kurnan darbaniif rakkoo diinagdee hammaataa keessa jirti.

Lammiileen biyyattii hanqina tajaajilaa fi malaammaltummaa raawwatamuun mufannaa guddaa keessa turan.

Hoogganaan Farra Malaammaltummaa kun akka jedhanitti namoonni qabeenya hedduu horatan hedduunsaanii waliin dhahaniiti.

Gibira mootummaallee hin kaffalan, hundaa ol ammoo tajaajila isaanirraa eegamu hawaasaaf kennaa waan hin jirreef sagantaa kana jalatti kun hunduu ni qulqullaa’a jedhan.

Komishiniin Farra Malaammaltummaa biyyattii aangoo seera qabeessa bara 2019 keessa argateen namoota tujaara ta’an madda maallaqaa isaanii qorachuu waan danda’uuf ga’ee keenya ba’achuu qabnas jedhan.

Akkasaan jedhanitti qabeenyi eessaa dhufteensaa ibsi ga’aan itti hin kennamne kan nama sanaa miti.

Kanaafuu, namoonni akka ibsa kennaniif gaafatama hatattamaan Mana Murtii Olaanaa deemanii beeksisuu qabu, ta’uu baannaan qabeenyi mootummaatti galii ta’a.

Namoonni tujaara ta'an madda qabeenya isaanii akka ibsan gaafachuu kan eegalte Zimbaabwee qofa miti.

UK fi Ayirlaand keessattis bara 2017 eegalame.

Biyyi baay'ina ummataa miiliyoona 15.6 qabdu Zimbaabween lammiileenshee harki 63 hiyyummaa keessatti kufanii jiru.