Atileetin Itoophiyaa sababa qoricha si’eessun waggaa 12'f adabamte

Atileetin Itoophiyaa maaraatoonii fiigdu Itaaffarraaw Tamasgeen Wodaajo sababa qoricha si'eessu fudhachuun ishee mirkanaa'ef waggoota 12'f adabamte.

Eejansiin Farra Qoricha Si'eessituu Biyyaalessaa (NADO) ibsa baaseen waggoota 12'f dorgommirraa dhorkamuu ishee ibseera.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa gama isaatiin murtee eejansichaa kaleessa ergameef hojiirra akka oolchu ibse.

Atileetin kuni Onkololeessa bara 2012 maaraatoonii Waatar Firoont jedhamuufi biyya Kaanaadaa taasifame irratti saamuda dhiigaafi fincaanii kennite.

Kanaanis, qorichoota atileetotaaf dhorkaman laman, jechuunis EPO fi testestiroonii, jedhaman fudhachuu isheetu qorannootin mirkanaa'e.

Dorgommii kana irratti 8ffaan xumurte.

Dabalataan, dhaabbatni bara 2017 Atileetiksiin Addunyaa hundeesse 'Athletics Integrity Unit' jedhamu odeeffannoo baasen adeemsa murtiin kuni keessa darbe (Afaan Ingiliziidha) ifa godheera.

Dhaabbanni kuni baata Sadaasa darbe hanga murteen dhumaa darbutti yeroof akka dorgommiirraa haqamtu murtessee ture.

Adeemsa dheeraa boodas murteen kuni ragga'e waggoota 12'f dorgommiirraa fagaatti jechuudha.

Dabalataan, badii kana dhoksuuf waraqaa mana yaalaa sobaa dhiheessiteetti jedheera eejansichi.

Badii sadii irrattin argadhe kan jedhe Eejansiin Farra Qoricha Si'eessituu Biyyaalessaa (NADO) Sadaasa 20, 2019 hanga Sadaasa 20, 2031 waggoota 10'f dorgommii kamirraayyuu akka dhorkamtu murtesseera.

Atileetin kuni eenyu?

Atileetin kuni dorgommiiwwan garaa garaa irratti Itoophiyaa bakka buute dorgomteetti.

Atileet Itaafarraahu Tamasgeen maaraatoonii 'Telcel' magaalaa Meeksikoo Hagayya bara 2018 injifatteetti.

Baruma 2019 keessa maaraatoonii Tamarak Otaawaa dorgomuun 3ffaa baate.

Isa dura walakkaa maaraatoonii, fiigicha daandiirraa 10km dabalatee biyya keessaafi alatti fiigdeetti.

Eejansiin Farra Qoricha Si'eessituu Biyyaalessaa (NADO) erga dhihoo as atileetonni qoricha kanneen daldalaniif akka hin saaxilamne qorannoo gaggeessuun alatti hubannoo akka qabaatan leenjiis kennaa jira.

Ta'us, darbee darbees ta'u atileetota irratti qorichichi argamaa jira. Baranuma atileet Birhaanu Tsagguu adabamuun isaa ni yaadatama.

Waggaan 12 nama tokko irratti yeroo murtaa'us hangana dhagahamee hin beeku.

Aileetonni Itoophiyaa maqaa gurguddaa qabaniifi dorgommii gurguddaa hirmaatan irratti garuu qorichi humna dabalu argamee hin beeku.

Ta'us, dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa (kan dur 'IAAF' jedhamee beekamu) bara 2018 biyyoota qoricha kanaaf saaxilamuu malan keessaa tokko Itoophiyaa akka taate ibsee ture.

Atileetiksiin gosa ispoortii Itoophiyaan waltajjii addunyaa irratti maqaa itti horattedha.