'Nama amantiiti' kan jedhaman pireezidantiin haaraa Burundii kakuu raawwatan

Madda suuraa, AFP
Du'a tasaa pireezidantii duraanii biyyattii Piyeeree Inkurunziizaan booda pireezidaantiin haaraa kakuu Kamisa raawwatan yeroo isaaniif qabame baatii lama dursanii hojii jalqabuuf jedhu.
Pireezidantichi haaraa Evaarist Indaayishemiye kakuu raawwatan pireezidantii duraaniirraa deeggarsa qabu ture.
Filannoo Caamsaa keessa taasifamellee mo'ataniiru jechuun labsamee ture. Mormitoonni garuu sagaleen filannoo sun hatameera jechaa turan.
Akka heera Burundiitti pireezidantiin biyyattii yoo du'an pireezidantii gumii biyyaalessaatu aangoo qabachuu qaba ture.
Evaarist Indaayishemiye eenyuu?
Pireezidantiin haaraa Burundii gaheessii waggaa 52, Evaarist Indaayishemiye kan Kamisa har'aa kakuu raawwatan nama ''danboobaa'' fi ''nama amantaati'' jedhamu.
Isaan bara 2005 wayita hiriyyaafi jaalleen isaanii yeroo riphee lolummaa, Piyeeree Inkurunziizaa, aangoo qabatan irraa kaasee janaraala waraanaa 'dhaggeettii olaanaa'' horatani dha.
Mejar Janaraal Evaarist Indaayishemiye maqaasaanii lamaan walitti makuun Burundii keessatti 'Nevaa' jedhamuun beekamu.
Bara 1968 keessa bakka Giteegaa jedhamuufi iddoo ammaan tana jiddugala siyaasaa Burundii tahetti dhalatan.
Namni kun bara 1993 keessa erga ajjeechaan pirezidaantii biyyattii karaa dimokiraatawa ta'en filatamanii turan Meelchi'or Indaadaaye irratti raawwatameen booda wal waraansi biyyattiitti wayita eegaleetti Yunvarsitii Buruundiitti barataa seeraa turan.
Akkuma pireezidantii isaan duraanii Piyeeree Inkuruziizaa, Indaayishemiyeenis bara 1995 keessa yaalii ajjeechaa barattoota Huutuu irratti, kaampaasii isaanii kan magaalaa guddoo biyyattii Bujumburaatti aggaamame ture jalaa bahaniiru.
Isaan boodas biyyaa baqachuun mootummaa Tutsiin hogganamu waraanuuf humna riphee loltoota hundeeffamee turetti makame.

Indaayishemiyeen tibba marii nagaa mootummaafi riphee loltoota Humna Ittisa Dimokiraasii (FDD) Aruushaatti gaggeefameettis Piyeeree Inkurunzizaa deeggaruun waliin hojjataa turan.
Akkasumas bara 2003tti wayita riphee loltoonni FDD mootummaa waliin aangoo akka hirmataniif waliigalteen taasifameetti, Indaayishemiye ittaanaa hoggana waraana Burundii yeroo sanaa yoo ta'an, jaalleesaanii kan turan Inkurunziizaan ammoo Ministira Dhimma biyya keessaa ta'uun mudamanii turan.
Bara 2006tti ammoo osoo gorsaa waraanaa pireezidantii Piyeeree Inkurunziizaa ta'uun hin muudamiin dura Ministira Dhimma biyyaa keessaa ta'uun hojjataniiru.
Waggaa 10 booda ammoo Indaayishimiyeen hanga Amajjii 2020 Inkurunziizaa kan dhiheenya boqatan akka isaan dhaaluuf isa filatanitti barreessaa olaanaa paartii biyya bulchuu (CNDD-FDD) ta'uun hojjataa turan.
Abbaa ijjoollee jahaa kan ta'an Indaayishimiyeen, hordofaa amantaa Romaan Kaatolikii yoo ta'an, falaasama siyaasaa pireezidantii isaan dura turanii kan ''siyaasa keessatti Waaqaaf iddoo kennuu'' jedhu hordofu.
Pireezidantiin haaraan kunis biyya dippilomaasiidhaan qoodamteefi arjoomtoota waliinis walitti dhufeenya gaarii hin qabne hogganuuf deemu.
Pirezidaantiin isaan duraan turan, sarbama mirgoota namoomaa cimaa raawwachuufi paartiiwwan mormitootaa, gaazexeessitoota fi rooggeeyyii irratti ukkaamsaa gaggeessuun himatamaa turan.















