Koronaavaayiras: Musliimonni sochii dhorkame keessatti Ramadaanatti jiru

Madda suuraa, AFP

Musliimonni guutuu addunyaarra jira Ramadaana bara kanaa haala adda ta'een dabarsaa jiru. Biyyoonni tatamsa'inna koronaavaayiras hir'isuuf masjiidonni cufamaniiru, namoonni baay'innaa akka walitti hin qabamne dhoorkamaniiru.
Kunis Musliimonni biiliyoona 1.8 ta'an yeroo aduun baatuu hanga seentutti nyaatarraa, dhugaatiirraa, xuuxuurraa, akkasumas saal-qunnamtiirraa of qusataniidha.
Yeroo baay'ee maatiifi hirriyyoonni sooma hiikuufi salaataaf jecha walitti qabamu.
Bara kana garuu ji'a qulqulluu kana manasaaniitti dabarsaa jiru.
Ramaadaanni kalaandarii Islaamaa keessatti ji'a sagalaffaa yoo ta'u, gaafa Kamisaa jalqabe. Biyyoota koronaavaayiras haalan miidhe keessatti miira gaddaatiin kan Ramadaana kana dabarsaa jiran.
Masjidni Iyyaruusalaam keessatti argamu Al-Aqsaan walakkaa ji'a Bitootessaa kaasee cufamaadha, akkasumas ji'a Ramadaanattis hin banamu.
Magaalaan qulqullu Islaamaa Makkaanis weerara kanaan miidhamtee jirti.

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, AFP

Madda suuraa, Reuters
All images subject to copyright.















