Koronaavaayiras: 'Vaayirasii osoo hin taane, beelatu tarii durse na ajjeesa'

Aadde Thongrueng Thongphuen mana keessatti

Madda suuraa, Wasawat Lukharang / BBC Thai

Ibsa waa'ee suuraa, Aadde Tongfiin lubbuushee turfachuuf ala ba'uun dirqama itti ta'uu dubbatti

'Ana tarii vaayirasii dursee xanneen dha'ee na ajjeesu mala' jette Taayilaand mandara hiyyeeyyiin itti heddumatan kan jiraattu Paantiraa Suuttii.

Waan sooratamu gurgurattee mandara harka qal'eeyyii Long Tooyeeyi jedhamtu keessa kan jiraattu Suuttiin.

Haandhuura magaala guddoo biyyatti Baankookitti argamtus, jiraattoonni naannoo iddoo ija namaa irra ce'ee (fokkistuu) akka taate dubbatu.

Manneen xixiqqoo mukaan ijaaramanitu lafa iskuweer kilomeetira 1.5 irratti hirkatanii jiru.

Aadde Suuttiin, haadha qophaa ishee daa'imaafi akkawoo ishii tumsa nama biraa malee guddiftudha.

Foon hindaaqqoo waaddee mana barnootaa itti dhiyoo jirutti gurgurtee jiraatti ture.

Weerara Koroonaavayirasii to'achuuf mannii barnootaa keessatti hojjattu cufamnaan, maddi galii ishiis onee battaluma harka qullaa hambise.

Duraan maallaqa biyyattii Baaht 1,000 ($30) guyyaan argatti ture, amma homaa dhabde.

Weerarri Koroonaavayirasii kun madda galii ishii fixeensa ganamaa harkaa taasise.

Mandarri Loong Toyi kun harka qal'eeyyiin akka ishee 20,000 qabdi.

Aadde Suutiif waan sooratanii du'a oolan maatiif ol-kaa'uun maaskii ykn alkoolii vaayirasicha ofirraa ittisuuf gargaaru argachuu caala maatisheef barbachisaadha. Yeroo tokkotti lamaan kana keessaa tokko qofa guuttachuu dandeessi waan ta'eefi.

'Akka carraa hawaasa keenya keessaa namni vaayirasichaan hin qabamne, kanaafuu anas qabee nan ajjeesu garuu, hiyyummaatu nu ajjeesa' jette.

Haalli keessa jirtu dafee akka fooyya'uufi mootummaanis akka deeggaruun abdatti.

Namoota mana daandii baaburaa bira jiru jala taa'aan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni 100,000 ta'an naannoo Kiloongi Toyeeyi keessa jiraatu

Deeggarsa dhabnaan garuu jiruun daran itti jabaataa akka deemuu malu yaaddofti.

''Ani alatti waan sooratamu gurguree maallaqa argachuun barbaada, garuu ofiifuu waanin nyaadhu hin qabu' jette.

Guyyoota darbanittis soorata deeggarsaan argatteen du'arraa hafuu himte.

'Sooranni bilisaan qoodamu jiraannaan, maatiikoo sooruuf nan eeggadha, dhibicha nan sodaadha, garuu qabeenya xiqqaa qabuun lubbuun turuufin carraaqa' jette Suuttiin filannoo biraa akka hin qabne wayita ibsitu.

Namoota manneen caccabaa kana keessa jiraataniif hannaafi baala sammuu namaa adoochu malee hojiin banaan isaan simachuuf qophaa'e hin jiru.

Akkuma jiraattota mandarichaa birootti dubartiin ganna 56 Tongrung Tongfiin, dafqitee maallaqa argattuun jiraachuuf qabsootti jirti.

Abbaan warraashiis mandara harka qal'eeyyii kanaa bahee hojii barbaachaaf guyyuma hunda daandiirra dhaabata oola garuu nama isa qacaruu argatee hin beeku, dhabeetuma gala.

Mootummaan manaa hin bahiina jedhe gorsa, gorsa kana caala jiraachuuf maallaqa argattu yaaddi.

'Hiyyeessi akka keenyaa filannoo baay'ee hin qabu, mootummaan garuu nama hundaan mana turaa jedha, yoon maallaqa hin arganne jiraachuu hin danda'u' jette Tongfiin.

Namni hojiif qacaruus akka hin jirree fi alarra deemaa ooluun caalatti dhibichaaf akka isaan saaxilu yaaddofti.

Fala biraa hin qabnu, ijoolleen koo nyaatanii buluu qabu jettee itti dabalate dubbatte.

Kana malees, namoonni maallaqa liqeessan guyyaa hundumaa liqii deebisii jedhanii na rakkisu jette. Kallatti hundumaan dhiibbatu narra jira, yeroo tokko tokko sirumaa akkataan jireenya itti fufu na harkaa bada jettee rakkina himatte.

Dubartii mi'a bitattee deebitu

Madda suuraa, Wasawat Lukharang / BBC Thai

Ibsa waa'ee suuraa, Haala amma jiruun dhibeen kana salphaatti tamsa'uu dandeessisa

Loong Toyi biyya Taayilaanditti mandara harka qal'eeyyii isaa guddaadha.

Namoonni 20,000 galma'anii keessa jiraatu, garuu kanneen hin galma'iin wajjin lakkoofsi jiraattootashi 100,000 tti dhiyaata jedhame amanama.

Manneen jireenyaa wal biratti gubbataniiru.

Kunimmoo tamsa'inni dhibichaa saffisiisa.

Jiraattoonni mandara kana waa'ee weerara dhibicharratti hubannoo qabatanis, leeccalloo qabna jedhani himatan homaa hinqaban.

Harki caalaan hawaasa naannoo kana jiraatanii daa'imman, maanguddoota fi namoota dhukkubsataniif iddoo biraa deemuu hindandeenye.

'Namni tokko qabamnaan vaayirasichi hawaasichas haxa'uusaati'

Jiraattuun madara kana umrii ganna 26 Ladda Mangimeepol jedhamtu golga funyaanii fi afaanii tolchitee bilisaan namootaaf qooddi.

Ani hojii koo itti fufuu nan carroome jette garuu firoottan ishii hedduun muddama keessa seenu ibsite.

'Hundisaanii dafqaan bulu, hojii hin qabani, weerarri dhibicha Baankokitti erga mul'atee ji'a hin caalu garuu namni rakkoo keessa jira' jetti.

Iddoo jireenyashitti dhiyootti namni vaayirasichaan qabame argamuu yaaddofti.

Weerarri dhibicha biyyatti seenuun hordofee jiruun hawaasa harka qal'eeyyii mandara kana jiraatanii fi kuma hedduutti lakka'amanii ittu gad deeme.

Mootummaan biyyatti namoonni walirra hiiqee akka deemu, manasaainii akka turan fa'aa gorsuus, hojiitti hiikuun jiraattota mandara kanaa rakkiseera.

Mootummaan biyyatti waggoota 10'n dhufan keessatti madara harka-qal'eeyyii kana diiguuf karoorsee ture, garuu hawaasni kun duraanu kan dagataman fakkaatu.

Taayilaanditti lakkoofsi namoota vaayirasichaan haaraa qabamaniis ta'e, lakkoofsi namoota du'anii buleetuma ol deemaa jira.