Atileetiin shaampiyoonaa 800m Deevid Rudiishaa eessatti bade?

Deevid Rudiishaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileetii si'a lamaaf olompika irratti 800m'n shaampiyoonaa ta'e adamsanii argachuun rakkisaadha.

Atileetin umrii 31 akka ofii isaa dubbatutti erga 1:40:91'n Olompika irratti injifatee warqii erga argatee kan biraallee dabalate as innuu baay'ee jijjiirameera.

Erga Adoolessa bara 2017 eegalee garuu miidhamni akka malee isa hube. Ergasii ga'umsa ofiitit deebi'e hin dorgomne.

Garuu, rakkoon isa mudate kana qofa miti. Haadha warraa isaa waliin wal hiikuu akkasumas abbaan isaa bara darbe du'uun isaanii isa jeeqeera.

Dhiphina kana keessaa bahuf immooo ''bashannana baay'isa'' ture. Yeroo miidhamni isaa fooyya'e dorgomiitti deebi'uf jedhummoo ulfaatinni isaa dabale.

Wanti biraa gammachu itti horu garuu jira. Bara darbe balaa konkolaataa hamaarraa lubbuun hafe.

Hunduu, ''akkamiin lubbuun hafte. Akkamumaan konkolaataa kana keessaa bahuu dandeesse?'' naan jedhu jechuun hima.

''Balaa kana keessaa miidhama malee bahun ajaa'iba. Akka Waaqni na jaallatuttin arge.''

Atileet Deevid Rudiishaa

Madda suuraa, Devid Rudisha

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Deevid Rudiishaan balaa konkolaataa kanarraa osoo homaa hin ta'in lubbuun hafe

Olompika dhufu irratti garuu carraa qaba. Kana dura walitti aansee si'a takka haa hafuuti namni 800m'n si'a sadi injifate hin jiru. Inni garuu lama waan injifatef yoo milkaa'e wana guddaa galmeessuuf jedha.

''Ammallee humnakoo hin fixanne. Osoo ji'a dura na argite furdadheen ture. Amma garuu hir'isaan jira.''

Akka Pirezidantiin Atileetiksii Addunyaa Sebaastiyaan Koo jedhanitti olompika 2012 irratti ga'umsa cimaa kan agarsiise Boolt caalaa Rudishaadha.

Miidhaan waggaa sadiif isa miidhe garuu wanta biraa keessa akka seenu isa dirqeera.

''Dhiphina keessaa bahuf hiriyyoota kiyya waliin nan bashannana. Waa'ee halkan bahaanii bashannanuu takka ifatti dubbadhee hin beeku. Garuu, namuu mirga bashannanuu qaba,'' jechuun turtii barruu 'Spike' waliin taasiseen kan dubbate.

Jireenyi isaafi kan atileetii maaraatoonii riikardii addunyaa dhuunfate Eluwid Kipchoogee garuu walii lama.

Kipchogeen rifti vaali Keeniyaa keessatti kan jiraatu yoo ta'u yeroo hunda shaakala taasisa.

Atileetonni 30 biroollee doormii Kaaptaagaat keessatti kan jiraatan yoo ta'u Wiixataa hanga Sambataa shaakala taasisu.

Deevid Rudiishaa olompikii Landan bara 2012 irratti 800m'n injifate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deevid Rudiishaa olompikii Landan bara 2012 irratti 800m'n injifate

Wanti biraa qalbii isaanii fuudhu hin jiru. Hin shaakali, hin nyaatu, hin boqotu, achii kanuma keessa deebi'u.

''Shaakalli Kiphooge adduma. Osoo isa bira dhaqxee karoora shaakala isaa waggaa lama ykn sadi dura itit fayyadame sitti agarsiisuu danda'a. Ani wanta akkanaa hin qabu, '' jedha Rudiishaan.

Sababa kanaaf, akka Kipchoogee osoo hin taane tooftaa shaakala biraa akka hordofu hima.

Waggoota lamaan darbanif leenjiifi shaakalliin yaadera kan jedhu Rudiishaan miidhamni ispoortii jaaladhu naduraa hate jechuun dubbata.

''Yoon Tookiyoo [olompikii] dhaqeefi dorgommii xumuraaf gahe warqii akkan argadhu abdiin qaba. Amma asuma waan hin qixofnetti yaada kennu hin barbaadu,'' jechuun dubbate.