Adaamaatti deggertoota KFO galma dhorkamanii mormii dhageessisan poolisiin bittimseera

Madda suuraa, Kumerra Gemechu
Adaamaatti deggertoota Paartii Kongirasii Federaalaa Oromoo galma walga'ii dhorkamanii mormii dhageessisaa turan poolisiin bittimfamuu namoonni ijaan argan BBC Afaan Oromootti himan.
Marii deggertoonni Kongirasii Federaalaa Oromoo ar'a magaalaa Adaamaatti gaggeeffachuuf turan akka hin gaggeeffamneef poolisiin galma dhorkuu isaarraa kan ka'e deggertoonni paartichaa mormii isaanii dhageesisuu gaazexessaan Reuters Kumarraa Gammachuu BBC'tti dubbateera.
Deggertoonni kunneen galma Tokkummaa duratti sagalee ol kaasuun "Shame on you Prosperity" jechaa turan.
Poolisiin hanga banaa jeedhanitti waardiyyoonni galma Tokkummaa akka hin banneef dhorkamneerra jechuu isaaniis eera.

Madda suuraa, Kumerra Gemechu
Akka gaazexeessaan kun jedhutti, deggertoonni galma Mana Barumsaa Naafyaaditti walga'uuf turan kunneen naamusa guddaatiin socho'aa kan turan yoo ta'u, booda poolisiiin Oromiyaa konkolaataadhaan dhufee meeshaa sagalee guddistuun "bakka kana gadhiiftanii hin deemtan taanaan tarkaanfii isinirratti fudhanna" jechuun akeekkachiisuun uummata bittimsaniiru.
Dhimma kana qulqulleeffachuuf poolisiifi komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Adamaatti yaaliin bilbilaan taasifne yeroof hin milkoofne.












