'Dubartoonni Laayibeeriyaa miseensa waraanaa ta'uuf gahumsa hin qaban' jedhame

Madda suuraa, AFP
Dubartoonni hedduu miseensa waraanaa ta'uuf Laayibeeriyaatti galmaa'an gahumsa waan hin qabneef osoo hin milkaa'in hafan jedhan qondaaltonni waraana biyyattii.
Kaadhimamtoonni dubartootaa %8 ta'an miseensa waraanaa ta'uuf hin milkoofne.
Kaadhimamtuun tokko dirqama "lakkofsa puushaa uppii, siit appii fi maayila lama gahuumsaan fiiguu danda'uu qaban," jedhan Meejar Jeneeraal Piriinsi K Joonsan.
Yeroo gahumsa qaamaa ilaalamu dubartoonni naannoo baadiyyaa jiraatan gahumsa gaarii agarsiisaniiru. Garuu qormaataa Aptiitiyuudiitti yeroo dhufnu immoo akka dubartoota magaalaa jiraatanitti haalaan gaariin qormaaticha hin hojjanne jedhan.
"Ani biyya kiyya gad buusaa hin jiru garuu kun dhugaa qorannoorratti hundaa'eedha," jedhan Jeneeraalichi.
Yeroo darbanitti Laayibeeriyaa keessatti miseensa waraana ta'uuf kaadhimamaan tokko yoo xiqqaate barnootasaa sadarkaa lammaffaa xumuruu qaba.
Isaanis dabalataan dubartoota miseensa waraanaa ta'uuf fedhii qabaniif qaccarrii dura leenjii kennuuf akka murteesse himan.
Eega dubartoonni qorannoo meedikaalaa darban kaampii waraanaa keessa akka turan taasifamu.
Qondaalli waraanaa akkas jedhan: "Torbee afur keessatti isin qopheessina."














