Faransaay xumura bara 2021tti cuuciin kormaa handaaqoo akka hin yaafamne gochuuf

Madda suuraa, AFP
Faransaay cuuciin handaaqqoo kormaa akka hin yaasamneef hanga xumura 2021'tti seeraan dhorkuufi. Kun haarumsa nageenya bineeldotaa haaromsuu jedhu keessaa tokko jedhama.
Addunyaa irratti handaaqoo kormaan fooniifis tahe hanqaaquuf hin barbaachisne biliyoona torba tahan gaazii ykn maashiniidhaan ajjeefamu.
Mootummaan amma tooftaalee haaraan hanqaaquu ykn killee keessatti kormaa fi dhalaa tahuu ittiin adda baasnu argameera jedhe.
Namootni hedduun garuu haaromsi nageenya bineeldota jalqabame haala eegameen deemaa hin jiru jechuun qeequ.
Ministeerri Qonnaa Faransaay Diideer Guulaam ibsa kennaniin bara 2021tti waanti akka duraaniitti mul'atu tokko iyyuu hin jiraatu jedhan.
Guutummaan guutuu hojiitti seenuun nageenya bineeldotaa eegaa kan hin barbaachisne dursinee ittisna jedhan.
Guulam akka jedhanitti tooftaan amma argame kun gabbifamee killee killee keessaa cuuciin osoo hin yaafamiin dura adda baasnee akka dhabamsiifaman gona jedhan.
Qorattootni waggootaaf irratti hojjechaa kan turan yoo tahu sadarkaa indaastiriitti ol guddisuun hojii irra oolchuuf hojjechaa jiru.
Seerri kun hojii irra ooluun Faransaay cuuciin handaaqqoo kormaa akka hin dhalanne gochuu isheen biyya jalqabaa ishee taasisa.
Manni murtii Jarman ammoo cuucii handaaqqoo kormaa dhabamsiisuun hanga tooftaan biraa argamuufiitti itti fufuu qaba haaluma amma jiruun jedhee murteesseera.
Biyyootni lamaan Faransaayii fi Jarman bara darbe tooftaa ittiin dhabamsiisuu ykn akka hin yaafamne taasisan irratti waliin hojjechuuf walii galanii ture.
Hanqaaquu ykn killee ajeessuun akka maseenu taasisuun tooftaa fayyadamamaa turedha.
Cuucii handaaqoo kormaa akkuma yaafamteen ajjeesuun warshaalee nyaata oomishan adunyaa irratti beekaman biratti waanuma baramedha. Kun cuucii lakkoofsa guddaa qabudha kan ajjeesu.
Suuta waan guddataniif warshaalee daldalaa birratti akka waan bu'aa qabaniitti hin ilaalaman.















