'Gaddaafi gammachuu nu wallaalchise' haadha guyyaa daa'imnishee tokko jalaa boqotee daa'ima biraa deesse

Aadde Indiyyaa Suleeymaan

Aadde Indiyaa Suleeymaan, Muddee 29 mucaan isaanii kan waggaa lamaa fi ji'a jahaa dhukkuba tasaatiin naannoo sa'aatii sagaliitti jalaa yoo boqote. Halkanuma sana immoo mucaa biraa daheen miira lama keessa si'a tokkootti seene jedhu Aadde Indiyaan.

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Diiduuti kan jiraatan.

"Mucaan kiyya naannuma sa'aatii saddeetii dhukkubsatee yeroo mana yaalaa geessinu sa'aatii sagalitti boqote. Achii gallee osuma gaddarra jirruun halkanuma isaa immoo mucaa dahe" jedhu.

Da'umsatti dhihaachuu quba qaban ture kan jedhan aadde Indiyyaan, gaddarra waanin tureef ciniinsuun yoo naqabuyyuu kaleekoo nadhukkuben se'e jedhu.

"Ani gadda mucaa kiyyaatin bayyee dhiphachaan ture. Namoonnis nabira turan. Namoonni ka'i mana yaalaa sigeessina yoo naan jedhan dhukkuba kaleetu natti ka'e malee ciniinsuu hin seene. Manuma kiyyattin yerosuma dahe" jedhan.

"Amma wanti gara nawallaalchise gadda Kanaan guyyaa tokko ta'uusaati. Malee da'umsaaf ani durumayyuu qoqophaa'aan ture."jedhan.

Miira amma keessa jiran yoo ibsanis, "amma isuma du'e sanaafan gaddaa jira malee waanin gammadu hin qabu, tari yoon booddee gadda kana keessaa bahe nan gammada taha.

Karaa tokkommoo osoo isuma fudhatee achumaan hafee nan gaddan ture kana yoon laalemmoo nan gammada. Kuni hojii waaqaati. Lubbuu tokko lubbuu kan biraatti jijjiire jedheetuman amane" jedhu.Namoonni naannoo yeroo mana isaanii dhaqan isa du'eef jajjabeessanii isa dhalateefimmoo akka eebbisan himu.

"isa dhalate kanaaf akka rabbiin naaf guddisuu fi irra najiraachisu naaf kadhatu. Inni du'emmoo akka jannata seenu kadhatu.

Anaafis immoo akka rabbi obsa naaf kennu naaf kadhatu" jedhan.

Obboleettii aadde Indiyyaa kan taate Laayilaa Suleeymaan, taateen maatii keenya keessatti mudate kuni dinqii hojii waaqaa kan namatti mul'isudha jetti.

"Rabbi daa'ima nujalaa du'e kana bakka nuuf buusuu isaatiif nigalateefanna garuummoo gaddaa fi gammachuu guyyaa tokko nutti ta'uusaatti immoo gaddineerra. Amma guutuuttis hin gammannu; guutuuttis hin gaddinu hojuma waaqaa dinqisiifanne.

Wanti waaqni godhe hunduu gaariidha waan ta'eef." jetti.

Warri ollaa isaanii 'osoo oolee hin bulchin rabbi dhala bakka sinii buuse, gammadaa malee hin gaddinaa' nuun jedhus jette.