Itoophiyaa: 'Hidhaa Haromsaa Itoophiyaarratt ejjennoon Masirii sarara diimaa Itoophiyaan keeese kan darbudha'

Hidhaa Haaromsaa Itoophiyaa

Madda suuraa, FBC

Ejjennoon Masirii haala bishaan Hidhaan Abbayaa itti guutamuu qaburratti qabatte sarara diimaa Itoophiyaan keeese kan darbudha.

Masiriin akkaataa bishaan Hidhaa Haaromsaa Abbayaa guutamuu qaba jetturratti ejjennoon isheen agarsiisaa jirtu kan darbamuu hin qabnedha jettee Itoophiyaan sarara diimaa sararte cabsanii ce'uudha jedhame.

Ministeerri Bishaanii, Jallisiifi Inarjii ejjennoo Masiriin qabatte kana irraa kan ka'een walii galteerra ga'amuun hin danda'amne jedheera.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanitti, Manni Maree Hirmaannaa Ummataa Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa Qindeessu har'a waltajjii marii qopheesseera.

Marii kana irrattis ijaarsi hidhaa Laga Abbayaa kun maalirra akka jiruufi mareen biyyoota Abbayaa gara gadiirra jiran waliin itti jiramu ammoo maalirra akka ga'erratti mariyatamaa tureera.

Ministeera Bishaanii, Jallisiifi Inarjiitti Gorsaan Lageen Daangaa Ce'anii Obbo Tafarraa Bayyanaa marii biyyoota sadan Itoophiyaa, Sudaaniifi Masirrii gidduutti gaggeefamurratti ibsa kennuun isaaniis gabaafameera.

Yeroo ibsa kennan kanattis Masiriin waggaa waggaadhaan bishaan meetiir kuubii Biliyoona 40 akka naaf gadhiifamu jechuusheefi Hidhaan Asiwaan Masirii ammoo Sirii Galaanaa Olitti yeroo meetira 165 irra ga'utti Itoophiyaan bishaan gadhiisuu qabdi, akkasumas qaamni sadaffaan gidduu galuun walitti nu haa fidu ejjennoo jedhan qabaachuu ibsiteetti jedhan.

Ejjennoon Masiriin marii waloo kana irratti kaasaa jirtu gama Itoophiyaatiin dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuufi walabumaa biyyaadha waan ta'eef yaada fudhatama hin qabnedha jedhan Obbo Tafarraan.

Obbo Tafarraan yeroo ibsan, yaadawwan Masiriin Hidhaa Haaromsa Itoophiyaarratti kaasaa jirtu sarara dimaa Itoophiyaan keesse darbuudha jedhu.

Masiriin walga'ii Kaartuumitti gaggeefamaa ture irrattis ajandaawwan walii galtee fiduu hin dandeenye dhiyeessaa akka turteefi ejjennoo mariiwwan taasifaman irratti agarsiisaa jirtuunis walii galteerra ga'uun danda'amaa hin jiru jedhan.

Marii Kaartuum irratti biyyoonni qophaa qophaa isaanii yaadawwan dhiyeessan keessaa kan Itoophiyaan Hidhaan Abbayaa kun sadarkaa sadiidhaan akka guutamuufi tarbaayinoonni lama haal-duree tokko malee hojii haa jalqaban kan jedhu irratti walii galamee ture.

Masiriin garuu yaada ani dhiyeesse hundinuu guutummaan guutuutti fudhatama yoo hin qabaanne isaan walii galamerratti qaboon yaa'ii waliin deemuu hin qabu jechuushee beeksisaniiru.

Yaadawwan Masiriin akkaataa bishaan Hidhaa Abbayaa ittiin guutamuu qaburratti dhiyeessitu fudhachuu jechuun kan ammaa qofa osoo hin taane dhaloota Itoophiyaa itti aanurrallee miidhaa waan geessisuuf fudhatama hin qabu jedhan.

Itoophiyaan yeroo ammaa kanatti mariin akkaataa itti bishaan guutamuu qabu siyaasa keessaa bahee hanga dhimma tekinikaa ta'etti marii kana itti fufuudhaaf qophii akka taates ibsiteetti.

FBCn akka gabaasetti, Hoji-gaggeessaan Pirojektii Hidhaa Haaromsaa Itoophiyaa Injinar Kifilee Horroo waltajjii qophaa'e kanarratti akka jedhanitti ijaarsi Hidhaa Haaromsaa kun yeroo ammaa %68.56 irra ga'eera.

Itti dabaluunis, tarbaayinoonni lamaan akka humna ibsaa maddisiisuu jalqaban taasisuuf hojiin xumuramaa jiraachuu kaasaniiru.

Waltajjii marii Manni Maree Qindeessituu Hirmaannaa Hidhaa Haaromsa Itoophiyaa Biyyaalessaa bara baajataa darbe keessa gurgurtaa boondiifi tooftaawwan galii walfakkaatanirraa Birriin miliyoona 970 ta'u hawwaasarraa walitti qabameera.