Paartileen siyaasaa 70 nyaataa lagannee mormiisaanii ibsachuuf. Maaliif laata?

Korojoo filannoo

Madda suuraa, Anadolu Agency

Paartileen Siyaasaa Itoophiyaa 70 ta'an labsii filannoo fi dhaabbilee siyaasaa Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataan ragga'e mormuun ALI Onkololessa 5 fi 6 lagannaa nyaataan mormii isaanii ibsuuf.

Walitti qabaan Tokkummaa Biyyoolessaa Itoophiyaa fi barreessaan koree dhaabbileen 70 kun waliin ijaarratanii kan ta'an obbo Garasuu Gesaan Labsiin paarlaamaan raggaase sirrii miti, nu hin hojjechiisu jennee komii keenya mootummaafis Boordii Filannooofis irra deddeebiin dhiyeessinee turree jechuun BBC'tti himaniiru.

''Wixine labsii kanaarratti dhaabbileen siyaasaa si'a lamaa irratti erga mariyatanii booda wanti seera ta'ee bahe wanna irratti mariyanneen addaa fi dirree siyaasaa kan dhiphisu ta'ee argannee'' jechuun obbo Garasuun himaniiru.

Kun gowwomsaa dhaabbilee siyaasaa fi uummata Itoophiyaarratti raawwatame waan ta'eef kan balaaleffachuuf guyyaa lamaaf nyaata lagannee sagalee keenya dhageessifnaa jedha. Kaayyoon keenya labsiin kun hojiirra akka hin oolles jedhan.

Wayita Wixineen kun mariif dhiyaatee ture keewwatoota labsii san keessatti hammataman keessa 30 kan ta'an gariin akka haqaman kaan ammoo akka fooyyahan gaafatanii ture.

Labsii san keessaa keewwatoota ''nu hin hojjechiisan, dirree siyaasaa dhiphisu, mirga gurmaa'uu lammiilee daangessu, akkasumas mirga filuu fi filatamu nama dhabsiisu'' jedhan irraa mormii guddaa qaban ibsaas jiru.

Dhaabbilee mormii kana keessatti hirmaatan 70 keessa KFO ni argama. Dura ta'aa dhaabichaa kan ta'an Prof. Mararaa Guddinaa Boordiin filannoo kan duriirra fooyyee qaba jedhanii, waanta akkasii yeroo arginummoo nu yaaddessaa jedhan.

Dhaabbileen siyaasaa mallaattoo deeggartoota 10,000 akka dhiyeessan gaafatamuu kan dubbatan Prof. Mararaa Guddinaa, maaliif adeemsa kana keessa dirqamaan akka seennu ta'a jeedhamee koomiin dhiyaachuu himu.

''Paartilee siyaasaa 100 ol ta'an filannoo keessatti hirmaachisuun waan rakkisuuf warra xixiqqoo adeemsa kanaan akka bahan gochuufi.''

Rakkoon jiru garuu kanneen miseensa hedduu qabnuyyuu qarshii guddaa gaafataa jedhan.

''Hunda caala kan baayyee nu aarse hojjetaan mootummaa hojii gadhiiseetu filannootti gala kan jedhudha'' jedhan.

Hojjetaan mootummaa hamma Filannoon xumuramutti hojiin ala ta'a kan jedhu xiinsammuu hojjetoota filannoof dorgaman irratti dhiibbaa hin malle qabaataa jedhu.

Dhaabni biyya bulchu seera kana jalaa of baraaruun isaa ammo qeeqa biraa kaasa jedhu.

''Hojjetaa mootummaa jechuun Ministeera, warra paarlaamaa keessa jiru, warra caffee keessa jiru hin tuquu, hin ilaallatu jedha. Ofiisaanii baraaranii nurratti seera baafatani.''

Dorgomtootni KFO hedduun hojjetoota mootummaa akka barsiisaa ta'uurraa kan ka'e seerri kun hedduu isaan akka miidhullee dubbatu.

Kaayyoon isaa ''nama beekumsa qabu akka hin dorgomsiifanneefi'' jedhu.

Seerri kun shira dha kan jedhan Prof. Mararaan, mootummaa fi Boordii Filannootu shira kan xaxe jedhan.

Mormii qaban nyaata lagachuun ibsuu kan filataniif ''ofuma keenyarraa haa jalqabnu jenneeti'' jedhu obbo Garasuun.

Lagannaa kana keessatti hooggantootni fi miseensonni dhaabbilee siyaasaa 70 kan hirmaatan ta'uu fi qaamni hawaasaa kaanis hirmaachuu akka danda'u eeraniiru.

Mormiin lagannaa nyaataa kun haalduree kaahameef qaba. Manni maree bakka bu'oota uummataa Fulbaana kana keessa guyyoota hojii qabu sadii keessatti rakkoo labsii kanarra jiru ilaalee fooyyessuuf miseensota koree kanaa hin mariisisu yoo ta'e raawwatama jedhameera.

Paarlaamaan guyyoota dhufana kana keessatti dhimmicha hin ilaalu yoo ta'e Finfinneetti hooggantootni dhaabbiilee siyaasaa 70 kun ''walitti dhufanii bakka tokkotti guyyoota lamaaf nyaata lagaachuun mormii keenya dhageessifna'' jedhan.

Kanneen sadarkaa naannootti jiranis bakkuma jiranitti mormii kana gaggeessu jedhaniiru.

Qaamni haawaasaa kamuu dhimma kanarratti isaan cinaa dhaabachuu akka danda'us obbo Garasuun dubbataniiru.