Danaan fuula nama durii hojjatame

Madda suuraa, Maayan Harel
Qorattoonni gaaffii fuulli nama durii maal fakkaata? jedhuuf deebii arganneera jechaa jiru.
Qorattoonni fuulli sanyii namaa Deniisovaan jedhamu maal akka fakkaatu akka bira gahan ibsaniiru. Haaluma kanaanis fakkii danaa fuula sanyii namaa kan mormaa olii mul'isu hojjachuun ifa taasisaniiru.
Hambaan qaama Deniisovaan kan argame bara 2008 yoo ta'u, sanyiin kunis fuula addunyaarraa erga badee waggoota kuma 50 lakkoofsiiseera.
Qorattoonni wayita hambaa qaama kanaa argatanitti, 'ofii fuulli nama durii maal fakkaata ture?' gaaffii jedhu kaasanii ture. Qaama argame sana irrattis danaa nyaara, ija, funyaan, hidhii, ilkaaniifi rifeensa itti tolchuun gaaffii isaanii kanaaf deebii argataniiru.
Sanyiin namaa 'Deniisovaan' jedhaman eenyudhaa?
Waggoota kuma 100 dura sanyiin nama ammayyaa Niiyaandartaal jedhamu dabalatee sanyiiwwan adda addaa turaniiru jedha qorannichi. Isaan keessaa Deniisovaan tokko akka ta'e himeera
Dhaabbata 'Hibruu Yunvarsitii of Jerusaalem' jedhamu tokko keessatti qorataa kan ta'an, Piroofeesar Liiraan Kaarmeel akka jedhaniitti, sanyii Niiyaandartaal fi Deniisovaan waan isaan wal fakkeessu qabu.
''Deniisoovaan gama baayyeedhaan Niiyaandartaal waliin wal fakkaata. Haala muraasaanis nuun wal fakkaata.''
Deniisoovaan Saayibeeriyaa fi Eeshiyaa Bahaa keessa jiraataa akka turan amanama.
Qorattoonni ragaa argataniin akka ibsaniitti, Deniisoovoonni biyya Tiibeet keessa jiraataa turan. Isaanis jiinii namoonni ammayyaa haala qilleensaa ol ka'aa keessa jiraachu isaan dandeessisu akka dabarsaniif himama.
Haa ta'u malee sababii maaliif akka lafarraa badaniif wanti beekamu hinjiru.

Madda suuraa, Maayan Harel
Gosti sanyii namoota Deniisoovaan ardii tanarra jiraataa akka turan kan barame waggaa 10 dura wayita erga holqa Saaberiyaatti argamu tokko keessatti hafteen ilkaan, lafee qubaafi mangaagaa argameen booda.
Akka qorannoo kanaattis harki 5 sanyii ilmaan namaa Oshiyaan Deenisoovaanoota irraa akka ta'e amanama.
Danaan fuulaa hojjatame maal himaa?
Qorattoonis danaa fuula kana hojjachuu kan danda'an qaccee sanyii ilmaan namaa, Chimpaazii, Deniisovaan fi kan Niiyaandartaal bu'ureeffachuun ture.
Lafeen sammuu Deniisovaanootaa kan warra Niiyaandartaal irraa bal'ata. Lafee shangoobataa(chin) hin qaban.
Piroofeesar Liiraan BBC'tti akka himaniitti, danaan fuulaa akka ifa taasifame kunis qorannoowwan gara biraa Deniisovaan irratti hojjatamaniif ka'umsa ta'a.
''Kunis sanyii nu waliin baayyee walitti dhiyaatudha. Garaagarummaa nu waliin qaban hubachuun ammoo barbaachisaadha,'' jechuun ibsaniiru.













