Qorannoon cidhaan irratti taasifame badhaasa argate

Dhiira suurree isaa banee mul'atu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Badhaasni kuni sagantaa Yunivarsiitii Haarvaard taasifamen ifa ta'e

Badhaasa Noobeli Ispuuf baranaa kanneen injifatan keessaa qorannoon ho'i sanyii dhiiraa yookin cidhaan mirgaafi bitaa jiru garaagarummaa qabaachuufi dhabuu isaa irratti kan hojjetame tokko.

Qorattoonni qorannoo taasisaniin garaagarummaan akka jiru hubachuuf yaalaniiru.

Walumaa gala qorattoonni dhiirota 22 qorannoo kanaaf fayyadaman. Kunneenis, hojjettoota mana poostaafi kanneen otobisii konkolaachisanidha.

Qorannoon kuni hojjeettoota mana poostaa Faransaay qullaa isaanii akkasumas uffata uffatanii dhaabatan irratti.

Badhaasni kuni sagantaa yunivarsiitii Harvaard taasifametti ifa ta'e.

Bu'aa qorannoo

Qorattoonni akka jedhanitti bu'aan qorannoo kanaa sanyiin dhiiraa yookiin cidhaan gama bitaa jiru isa mirgarra jiru caalaa akka ho'u mirkaneessineerra jedhaniiru.

Kunis, gaafa uffata uffatan qofa akka ta'e himan.

Qoraannoon hojjeettoota mana poostaa 11 irratti taasifame daqiiqaa 90'f dhaabatani cidhaan isaanii safarameera.

Akkaatuma daqiiqaa lama lamaan safarameen ho'i sanyii dhiiraa yookiin cidhaan inni bitaa isa mirgarraa caalee mul'ateera.

Gama kaaniin, konkolaachistoota otobisii 11 taa'anis ho'I sanyii dhiiraa yookiin cidhaan isaanii safaramaaera.

Kunis, barruu qorannoo fayyaa irratti maxxanfamuutu ibsame.

Qorannoon kuni ho'I cidhaanii dhala gochachuu jarreen dhiiraa irratti dhiibbaa akka qabu mirkanesseera.

Biyyoota Lixaatti qulqullinni sanyii dhiiraa xiqqaataa dhufeera. Akkatti fooyyessuun danda'amu irratti wanti beekamu xiqqaasha.