Dubartiin mucaa godoo saree keessatti cufte to'atamte

Mucichi godoo kana keessa tokkootti cufame ture

Madda suuraa, @opetodolapo

Poolisiin Naayijeeriyaa dubartii magaalaa jiddugala daldalaa kan taate Leegositti mucaa saroota waliin godoo keessatti itti cufuun vidiiyoo waraabaa itti qoosaa turte to'annaa jala oolche.

Viidiyoon yoom akka waraabamu ifa ta'u baatullee, jalqaba baatii kanaatti tiwiitarii irratti garmalee qoodamaa ture.

Warraabbii vidiiyoo kanarrattis, dubartittiin mucicha osoo qabattoon osoo mudhiisaarra garaftuu mul'atti. Isaan boodas gara godoo saree duwwaa keessatti harkiftee akka hinbaaneef itti cufte.

Saroonni lamas godoo itti aanuu keessaa ni mul'atu.

Viidiyoon kuni midiyaa hawaasaarratti dubbii kan kaase yoo ta'u, fayyadamtoonni gochiichaan aaraniis nama dubartittiin bakka jirtu argeef badhaasa akka kennan ibsan.

Guyyaa Kamisaa dubbi himaan poolisii, Dolapo Badmos, dubartiin viidiyoorra turte hidhamuu ishee tiwiitaraan beeksiiftee jirti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

"Shakkamtuun mana hiidhaa keessatti kan argamtu yoo ta'u, mana murtiitti akka dhiyaattu himameera.

''Mucichi warra akka hinqabne himamees kan baraarame yoo ta'u, dahannoo motummaa naannoo Leegoosiin kennamu keessatti eegamaa jira,'' jettee jirti.