Waancaa Afrikaa 2019: Simannaa ho'aa garee kubbaa miilaa Aljeeriyaaf taasifame

Islaam Silimaani, Rayis Mi Bolhi fi Riyaad Maahrez

Madda suuraa, Riyad Mahrez Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Islaam Silimaani, Rayis Mi Bolhi fi Riyaad Maahrez waancaa waliin

Deggartoonni kumaataamaan lakkaa'aaman Sanbata magaalaa gudditti Aljeersitti gartuu kubbaa miilaa Aljeriyaa simachuun injifannoo Waancaa Afrikaa kabajaniiru.

Jimaatarra Aljeeriyaan Senegaaliin 1-0'n injifachuun bara 1990 booda yeroo jalqabaaf Waancaa kaasaniiru.

Taphataa Maanchister Siiti kan ta'e Riyaad Mahreezifi gartuun isaa Ministira Muummee Nureddin Beduwiin simataman.

Atoobisiin isaan ittiin simataaman injifannoo Waancaa Afrikaa lammaffaa agarsiisuuf urjii lamaan faayamee ture.

Dabalataaniis himni "Sinitti boonneerra!" jedhu afaan biyyaleessa biyyitti lamaaniin- Arabiffaafi Amaziigii- atoobisicha gubbaatti barreefameera.

Pireezdaantiin Federeeshinii kubbaa miilaa Aljeeriyaa, Keereddiin Zechii "Injifannoon kun biyyattiitti hafuura jireenyaa haaraa ni dabala," jedhaniiru.

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Reuters

Kabaja Injifannoo Aljeeriyaa

Madda suuraa, Getty Images