Addunyaarratti Pirezedantiin dulloomaan aangoorra jiran dhukkubsan

Madda suuraa, AFP/Getty
Pirezedantiin Tuuniziyaa Beejii Sa'iid Isebesii baayyee dhukkubsatanii hospitaala seenan jedhan qondaaltonni biyyatti.
Maanguddoon ganna 92 Isebeesiin addunyaarratti pirezedantii dulloomaa bara dheeraaf aangoorra turan kunis toran darbes hoospitaalatti yaalamaa ture.
Muummichi Ministiraa Tuuniziyaa Yooseef Chaahed garuu deeggarsa barbaachisu hunda argachaa jiru waan ta'eef 'oduu dharaa' dhimma fayyaasarratti tamsaasurraa of qusadhaa jedhan.
Haa ta'u malee gabaasni Pirezedantichi du'eera jedhus jira. Warraaqsa biyyoota Arabaa mudate naannichatti jabaate booda bara 201o Tuuniziyaa yeroo jalqabaaf injifatan.
Bara darbe filannoo ji'a Onkololeessaarratti akka hin dorgomne fi dargaggoonnii haa dorgomanii jechuusaanitu yaadatama.
Pirezedantiin Tuuniziyaa duraanii Ziyaan el Abedenii Biin Alii waggoota 23'f biyyatti erga bulchaniin booda aangoorraa kaafaman.
Bara sanarraa eegalee diimokiraasiin warraaqsaa biyyoota Arabaa booda biyyatti keessatti biqilee jira.








