Tuniziyaatti ammas hiriirri mormii ka'ee jira

Madda suuraa, EPA
Poolisiin Tuuniziyaa dargaggoota murteewwan mootummaan diinagdee biyyatti bayyanachisuuf fudhate mormanii hiriira bahan bittimsuuf gaazii imimmanessu fayyadame.
Rooyitersi namoota ijaan argan waabeffachuun akka gabaasetti dargagoonni umuriin isaanii digdamoota keessa jiru konkolaattota poolisiitti dhagaa darbachaafi gommaa gubaa turan.
Walitti bu'iinsi Poolisiifi dargageeyyii kana giddutti kan dhalatee magaalaa guddoo biyyatti Tuuniz keessatti lafa hiyyeeyyiin itti heddumaatan, Ettaadameen jedhamutti.
Pireezidentiin biyyaattii Baajii Si'ad Essebsii haasaa Dilbata taasisaniin dargageeyyiif carraa hojii bal'isuuf waadaa galaniiru.
Hoji dhabdummaan dargagoota Tuniiziyaa haala diinagdeen biyyatti irra jiruuf akka agrsiistutti ilaalama. Dargagoonni dhibbeentaa 35 ta'an hojii dhabdoota.
Haasaan Pireezidentichaa kun kana dhagaahame wayita lammileen Tuniziyaa waggaa torbaffaa warraaqsii biyyaatti itti eegale kabajaa jiranittidha. Fincilli bara 2011 Warraaqsa biyyoota Arabaa eegalsiise, Pireezideentii biyyaatii Zaayine Al Abidine Been Alii turti aangoo waggoota 23 irraa fonqolcheera.
Amma baqaan Saawdii Arabiyaa kan jira pireezideentiin biyyaattii duranii Been Aliin malaammaltummaafi maallaqa uummataa qisaasessuun himatamanii bakka isaan hin jirretti hidhaan cimaa waggaa 35 irratti murataayeera.
Mormiin alanaa maaliif ka'e?
Warraaqsa bara 2011 yaadachuuf jecha ji'a Amajjii keessa Tuniziyaatti mormiin baratamaadha.
Bara kana keessumattiyyuu daballiin gibiraa VAT fi kanfaltiin wabii hawaasummaa irratti godhamee mormii uummataa cimseera.

Madda suuraa, Reuters
Mootummaan bajata bara 2018 keessa deebi'ee akka ilaaluufi malaamaltummaa ittisuurratti akka hojjetu namoonni mormii dhageesisaa jiran kun gaafataniiru.
Tuniziyaan biyyoota Arabaa warraaqsa Arabaan gara jeequmsa hamaatti osoo hin seeniin hoogganaa ishee waggoota dheeraa aangoorraa buuftedha. Haata'umalee mootummoonni sagal darban diinagdee biyyattii bayyanachiisuu hin dandeenye.
Torbanoota darban keessa kutaalee biyyatti garaagaraa keessatti hiriirri nagaaniifi jeequmsa qabu mumula'ataniiru.
Mormii kana wajjiin walqabatee hanga ammaatti namoonni 800 ol ta'an hanna, badii qabeenyarra geessisaniifi jeequmsa uumtan jedhamuun hidhamaniiru.












