Jeneraal Hayiluu: 'Mootummaan caasaa nageenyaasaa sakatta'uu qaba'

Jeneraal Hayiluu Gonfaa, suura toora Feesbuukii irraa argame

Madda suuraa, Hayiluu Gonfaa

Fuulduratti rakkoon walfakkaatu akka hin mudanneef mootummaan caasaa nageenyaasaa sakatta'uu qabaa jedhan Jeneraal Hayiluu Gonfaa.

Hooggaanaa Humna Ittisa Itoophiyaa Jeneraal Se'aree Makonnin dabalate, aanga'ootni olaanoo naannoo Amaaraa ajjeeffamuun maal agarsiisa jechuun Jeneeraal Hayiluu Gonfaa gaafannerra.

''Magaalaa Finfinnee fi Baahir Daaritti nama tokkotu fonqolcha kana qindeesse, akka tasaa ta'eetu malee qindoominnisaanii fonqolcha sadarkaa naannoo qofatti otoo hin taane akka biyyatti yaadaniitu ture'' jedhan.

Nama dhunfaa ajjeesuun jijjiramni dhufu akka hin jirre kan dubbatan Jeneraal Haayiluu Gonfaa, yaadni isaanii qindaa'aa turee jedhan.

''Kaayyoon isaanii mootummaa biyya kanaa dhuunfachuu dha, hidhuu, ajjeesuu fi waraanatti bobbaasuun waan irraa buu'eef mootummaan akka waan hin jirreetti fudhatanii to'achuu qabna ,Federaalizimiin amma jiru nun fayyadu guduunfaa jedhurraa qaqqabaniitu' jedhan.

Kuni xiinxalasaani miira saaniiti malee qorannoo dhugaan kan deeggarame miti jechuun ibsu.

Dhimmi kun murtee fuulduratti MM fudhatanirratti dhiibbaa uumu danda'aa jechuun gaafatamaniiis akkas jedhan.

''MM Warraa ilaaf ilaamee akka adeemsaatti fudhachuuf rakkaatan irratti tarkaanfii fudhachuun olaantummaa seeraa kabachiisuun beellama akka hin barbaachifne hubachuun badii qaqqabe gara carraatti akka jijjiran abdadha''jedhan.

Dursa otoo tarkaanfiiin fudhatamee, rakkina amma mudate hambisuun akka danda'amu kan dubbatan Jeneraal Haayiluun, gama kanaan laafinni mootummaa akka uumamee dubbatu.

Fuulduratti rakkoon walfakkaatu akka hin mudanneef mootummaan caasaa nageenyaasaa sakatta'uu akka qabus himan.

Namoonni foqolcha mootummaa akka hin taanetti dubbatan jiru, isin akkamitti ilaaltu? Jedhamuun gaafatamnaan jeneraal Hayiluun,

'' fonqolcha mootummati garuu, fonqolchi mootummaa qabatamaan bifa kanaan hin raawwatu, biyyattii hubachuu dadhabuusaaniiti ,Federaalizimii keessatti nama xiqqaa ajjesuun ykn karaarraa maqsuun aangoo to'achuun hin danda'amu yoo mootummaa abbaa irree keessatti ta'e malee'' jedhan.

''Itoophiyaan nama guddaa tokko dhabde''

Jeneraal Se'aree Mekonniniin dhiyeenyatti kan beekan Jeneraal Hayiluun, Nama hojii isaani naamusa olaanaan hojjetan turanii jedhu.

''Waan itti amanu nama raawwatu ,fayidaan hin butamu, aangoo qabachuuf nama bololu mitii, biyyi kuni nama guddaa tokko dhabde''jechuun ibsan.

''Yeroo rakkoon turetti waraanni gosa hin qabu, bu'aa biyyaaf dhaabate paartiidhaaf mitii'' jechuun ifatti dubbachuusaanii Jeneraal Haayiluu Gonfaa akka yaadannootti kaasan.