Gujii Lixaatti hidhattoonni 110 ol 'ummatatti deebi'an'

Hidhattoota duraanii WBO

Madda suuraa, Daniel Areri

Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattoota duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo [WBO] huxuraan ummatatti deebifaman

Naannoo Oromiyaa Godina Gujii Lixaatii miseensonni duraanii Waraana Bilisummaa Oromoo [WBO] ta'an duula ummataa huxura jedhamun ummatatti deebifaman.

Bulchaan Godinichaa Obbo Abarraa Buunnoo BBC'tti akka himanitti, kanneen yeroo ammaa to'ataman gara dhibba shanii ta'u.

''Hidhattoota 113 kan galani. Baay'inni isaanii karaadhuma nagaatiin galan. Kuun ammoo ummataan qabamani kan to'annoo jala oolan jiru. Kun ammoo meeshaa osoo hin qabatin warra bosonatti gale waliin kan turanidha.''

''Walumaagala gara 500 ta'u,'' kan jedhan Obbo Abarraan, hidhattoota kan turan leenjii deemuu jedhaniiru. Kanneen badiidhaan shakkaman immoo seeratti ni dhihaatus jechuun dubbatan.

Leenjiin kunis kan hidhataa turan qofa osoo hin taane, kanneen meeshaa malee qabamanis ni leenji'u kan jedhan bulchaan kuni.

''Akka hidhamtootaatti hin ilaallu''

Ummanni warra ''nagaa booressu jedhe huxuraan saaxilee qabe,'' waan ta'ef ''akka hidhamtootaatti hin ilaallu,'' jedhan.

Haa ta'u malee, kanneen meeshaa malee hidhattoota waliin bosona turan keessaa yakka saamicha, ajjeechaafi dubartii gudeeduun kan shakkaman qoratamani seeraaf dhihaatu jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo [ABO] ibsa torban dura baaseen namootni miseensa ykn deeggaraa ta'u danda'a jedhee shakke hidhamuu ibsee ture.

Mootummaan deebii isaatiin miseensa yookiin deeggaraa waan ta'ef kan hidhame hin jiru jedheera.

Torban muraasa dura mootummaafi ABO'n waligaltee kan taasisan yoo ta'u, dhaabichis ammaan achi waraana ajaju akka hin qabne ibseera.

Haa ta'u malee, miseensonni duraanii waraana dhaabichaa Lixaafi Kibba Oromiyaatti waraana mootummaa nagaa kabachiisuuf ramadame waliin walitti bu'un lubbuun lammiilee nagaa darbaa jira.