Traamp bara 2020'tti irradeebiin filatamuuf duula eegalan

Doonald Traamp

Madda suuraa, Getty Images

Preezidantiin US Doonaald Traamp irra deebiin filatamuuf duula na filadhaa eegalan. Deeggartoonni waggoota afran dhufus garee isaanii akka tumsan gaafatan.

Deeggartoota kumaatamaan lakka'ama duratti duula filannoo wayita eegalan Floorida' mana koo lammataa' jedhan.

Traamp Dimookiraatonni biyya keenya addaan qooduuf yaalu jechuun himatan.

Sagaleen tilmaama duraa sassaabame akka agarsiisutti,Traamp morkaattoota Dimookiraatootan durfamaa jiru.

Traamp haadha warraasaanii Meelaniyaa wajjin gara waltajjiitti akka bahaniin ''Waggoota 6'n dhufus giifti- duree taate waan itti fuftuuf gammaddeetti ''jedhan.

''Har'a duula filannoo Pirezedantummaa US marsaa lammaffaa isin duratti eegaleera, akkan isin hin daganneemmoo waadaa isiniif seena'' jechuun deeggarootatti dubbatan.

Dorgommii Preezidantummmaa marroo duraan bulchiinsa Flooridaatti Traamp garagarummaa sagalee muraasaatiin filannicha injifatani.

Traaamp maaal jedhan?

Haasaa daqiiqaa 80 keeessatti ijoo dubbii wayita duula filannoo bara 2016 dubbatan irra deddebi'aa turan.

Godaansa seeraan alaarratti tarkaanfii fudhachuun ittuma fufa jedhan.

''Biyyi keenya kan lammilee seera biyyattiin eeganiiti, kan yakkamtoota alagaa seera hin kabajne mitii ''jechuun deeggartooota Filooridaattii himan.

Dimookiraatonni godaantota seeran alaa irraa deeggarsa argachuu fedhu' biyya keenya balleessuu barbaadu akkuma nuti beeknu.''

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Traamp Morkattoota isaanitiin"radical left-wing mob" warra Soshaalizimii Ameerikaatti fiduuf dhama'u jedhan.

''Bara 2020tti Dimookiraatota filachuun leellistoota Soshaalizimii Ameerikaa balleessan filachuudha' jechuun namoota walitti qabamanitti himan.

Dinagdeen biyyatti kallatti gaarii qabachuu kaasuun,qo'annoo Muular filannoon bara 2016 Raashiyaatti hidhata qabachuu irratti xiyyeeffate 'warra dubbii dharaa gabaasu jaalatantu ta'ii sana booda kan turee' jedhan.

Gartuun filannoorratti kaadhimamuu Pirezedanticha morman waltajjiichaan alatti mormaa turan.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Gartuun filannoorratti kaadhimamuu Pirezedanticha morman waltajjiichaan alatti mormaa turan.

Morkataan Paartii Dimookiraatotaa Bernand Saanders toora twitaraasaarratti duula filannoo Traamp eegalaniif ''samii wal cina jirtu keessuma jirra''jechuun deebisaniif.

''Hojiin keenyaa ijoon Preezidantii seena biyyattin ammaa qabdu keessatti hamaa kana injifachuudha''jedhe Saanders.