MM Abiy Ahimad tokkummaa humnoota Sudaan gaafatan

Madda suuraa, Ethiopian PM office
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahmad har'a magaalaa guddoo Sudaan Kaartumitti marii jaarsummaa gaggeessanii maddiitti miseensoota humnoota bilisummaa fi Jijjiramaa (mormitoota) waliin marii'achun isaanii dhagahame.
Tibba marichaattis MM Abiy naannichatti nageenya buusuuf kutannoo Itoophiyaan qabdu ibsuun, Sudaan keessatti nageenya buusuuf meeshaa murteessaan tokkummaa ta'u cimsuun himaniiru.
Turtii isaanitiinis aanga'oota waraanaa fi mormitootaa ni araarsuu jedheeme eegama.
Dr Abiy walinis bakka bu'oonni Masiriis Sudaan ni galu jedhemee kan eegamu yoo ta'u, Komishiniin Nageenyaa fi Tikaa gamtaa Afriikaa Simaalii Cheerugu'ii waliin akka adeeman himameera.
Imalli Ministira Mummee kunis erga mormitoonni hiriiraaf bahanii turan 108 biyyattiitti ajjeefamaniiru jedhaneen boodadha.
Kaleessa Gamtaan Afrikaa (AU) miseensummaa gamticha keessatti qabdu yeroof irraa mulquun, aangoon humna waraanaa gara qaama hawaasni barbaadutti yoo hin dabarfamne tarkaanfiin itti aanuu akka fudhatamu akeekkachiise.
Hidhattoonni gurma'aan fi Humni saffisaa jedhamu namoota akekkatanii ajjeesuun himataman ammas namoota dhimmicha keessaatti qooda hin qabne dararaa fi sodaachisaa jiru.
Ministeerri Eegumsa Fayyaa Sudaan akka himetti , namoonni 61 jeequmsa mudateen lubbuu dhaban . Haata'u malee, Doktoroonni mormitoota waliin hidhata qabanii namoota 100 olitu ajjeefamee jedhu.
Mormiin ji'ootaaf itti fufee gara jeequmsaatti ol guddatees, guyyaa Wiixataa mormitoota ji'ootaaf fuldura waajira mummee humna ittisaa fulduratti walgahaii turan erga bittinsuuf takaanfii cimaa irratti fudhateen booda ture.
Pirezidaantiin biyyattii duraanii Omaar al-Bashiir erga aangoorraa buufamanii asi takaanffiin kunis kan namoonni heedduun itti miidhaman kan jalqabaati jedhaneera.













