''Warshaalee gurguruu dura seerotaafi labsiiwwan baasuu feesisa''

Shukkaaraa

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan akkuma karoorfatee turetti warshaalee sukkaaraa qabu 13 guutummaan ykn gariin gurguruuf beeksisa baasuu isaa Hojii Gaggeessaa Olaanaan Korporeeshinii Sukkaara Itoophiyaa Obbo Wayyuu Roobaa BBC'tti himan.

Obbo Wayyuun erga ministirri Faayinaansii warshaalee kanneen gurguruuf ulaagaa barbaachisu baase kaampaanoti biyya keessaafi alaa hedduun bitachuuf fedha akka qaban ibsaa jiru jedhan.

Akka ragaa bara 2016/17'tti warshaaleen sukkaaraa Itoophiyaa walumaagalaan waggaatti sukkaara kuntaala miiliyoona afur kan oomishan yoo ta'u, fedhiin biyya keessaa ammoo kuntaala miliyoona torbadha. Kana guutuuf mootummaan kuntaala miiliyoona 4.1 tahu biyya alaa irraa galchuun ummataaf rabsaa ture.

Haa ta'u malee mootummaan warshaalee sukkaara haaraa kudhan ijaaruuun oomisha waggaa isaa gara kuntaala miiliyoona 40tti guddisuuf hojjechaa turus Koorporeshiniin sibiilaa fi Injinariingii Itoophiyaa 'METEC' yeroo jedhametti xumuruu hin dandeenye.

Kanaan walqabatees biyyattiin baasii dabalataaf saaxilamaa turuu gama mootummaan himamaa ture.

Rakkina kanaaf fala barbaachuun fedhii biyya keessaa guutuuf dhiheenya kanan motummaan karoorasaa ifa taasiseera.

Warshaaleen kunneen maaliif gurguramu?

Sochiilee haaromsa Ministtira Mummee Dr Abiy Ahimad keessaa tokko dhaabbile gurguddoo mootummaan qabaman gara dhunfaatti [private] naanneessuudha.

Dr Abiy yeroo gara taayitaatti dhufanitti biyyattiin hanqina sharafa alaa guddaa keessa ture. Liqaan waggoota dheeraaf kuufamaa tures bulchiinsa Abiy irratti gufuu tahuu akka danda'u xiinxaltootni siyaasaa himaa turan.

Ogeessi dinagdee Tashoomee Tafarraa waraqaa qorannoo isaa Beeljiyeemitti hojjechaa jiru ammo mootummaan waan lamaaf warshaalee kanneen gurgura jedha.

Keessumaa warshaalee sukkaraa hedduun isaanii gara xumuraati waan argamaniif yeroo mootummaaf galii itti argamsiisuu danda'an irratti argamu jedha.

Warshaa Sukkaaraa Itoophiyaa

Madda suuraa, Feesbuukii Korporeeshinii Sukkaaraa

Ibsa waa'ee suuraa, Warshaa Sukkaaraa Itoophiyaa

Warshaaleen sukkaaraa tokko tokko liqaadhaan waan ijaramaniif ijaarsi isaanii osoo hin xumuramiin yeroon liqaa itti deebii'u waan gaheef mootummaan hanqina sharafa alaaf saaxilameera jedha.

Kanaafuu mootummaan maallaqa callaa argachuuf jecha jaallatee qofa osoo hin taane dirqamee gurguraa jira jedha. Kan biraan ammoo ijaarsi isaanii yeroon xumuramuu dhabuunis motummaa baasii dabalataaf saaxilaa jira jedha.

Haaluma walfakkaatunis, hayyuun dinagdee lammii Keeniyaa Toonii Waatimaa, Itophiyaan biyyoota Gaanfa Afrikaa keessaa guddina dinagdee saffisaa galmeessaa jirti jedha.

Adeemsa piraayivetaayizeshinii ilaalchisee muuxannoo Keeniyaa keessa jiru yoo eeranis, ''warshaalee sukkaaraas tahe kaampanota gurguddoo mootummaan qabaman gara dhuunfaatti naanneessuun malaammaltummaa gurguddaa damichatti hojjetamuufi qisaasamaa baajataa ni hanbisa,'' jedha.

Ijaarsi dhaabbilee gurguddoo yeroo jedhameetti hin xumuramee yoo ta'e, akkuma gatiin ijaarsaa adunyaa dabalaa adeemuun mootummaan baasii dabalataaf saaxilamaa adeema jedha.

Abbootiin qabeenyaa invastimantii damichaa keessa yoo galan yeroofi qabeenya isaanii qusachuun yeroo gabaabaatti ummataaf tajaajila kennanii ofiis bu'aa argachu waan barbaadaniif filatamaa isa taasisa jedha hayyuun kun.

Gama biraanis baajata mootummaan liqaanis tahe kuusaa isaa keessa dameewwan kanneeniif ramadu abbootiin qabeenyaa yoo ofii isaanii hojjatn mootummaan misooma kaan irratti akka xiyyeeffatuuf gargaara jedha Toonii Waatimaa.

Gahee mootummaa fi Bulchiinsa warshaalee

Obbo Wayyuu Roobaa warshaaleen kunneen gara dhuunfaatti yoo dabarfamanitti haala bulchiinsa isaa ilaachisee seerri qophaa'aa jira jedhan.

Dhimma rabsaafi kaan ilaalchisees fuulduratti kan murtaa'u taha kan jedha Obbo Wayyuun, gama gatiifi gabaa ilaaluun ammoo abbaan oomishutu gatii murteesse gurguruu danda'a jedhan.

Kanaan dura sukkaara rabsaa kan ture mootummaa tahus gatii murtaa'een oliin namoota dhuunfaan gurguramaa ture. Kanaafuu guutummaatti abbootiin qabeenyaa bu'aaf hojjattan harka yoo gale ammoo maal taha kan jedhu deebii barbaada.

Ogessii dinagdee kan biraa Obbo Tashooma Tarrafaa dhaabbileen dhuunfaa baay'een yoo biyya keessa galan hamma oomishaafi dhiyyeessii isaanii waan dabalaniif gatiin ol ka'a amantaa jedhu hinqabu jedhu. Dinagdee gabaa bilisaan hogganamu keessatti ammoo abbaan qabeeya gatii isaa murteessuuf mirga guutuu qaba jedhus.

Gama biraatiin ammoo Toonii Waatimaa mootummaan Itoophiyaa warshaalee kanneen gurguruun dura seerotaa fi danbiiwwan irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba jedha.

Kan jechuunis mirga fayyadamtootaa kabachiisuuf, fayyadamummaa qonnaan bultoota shankoraa warshaaleef dhiyyeesanii eeguufi haala gabaa tooftaa ittiin to'achuu danda'u irratti jalqaba xumuru qabu jedhu.

Dabalataan qaamni qulqullina oomishaa to'atuufi qoratu cimaan yoo hundaa'e malee abbootiin qabeenyaa hedduun faayidaa ummataa dura bu'aa isaanii dursu jedhu.

Mirga fayyadamtootaa fi kaampaanota dhuunfaa

Obbo Wayyuu Roobaa kaampaanoti dhunfaa yoo gara biyyaatti galan maashinoota gurguddaafi teeknolojii fidanii dhufu malee misooma shankoraarratti hin hirmaatan jedhu.

Shankoraa omisha sukkaaraaf barbaachisu qonnaan bultootatu dhiyeessaa jedhan. Dabalataan hojjettota warshichaa kanaan dura turan irratti dabalataan carraa hojii uumuufi carraawwan leenjii haaraa kennu jennee abdanna jedhan.

Gaafii akkamiin mirgi qonnaan bultootaa eegamuu danda'a? jedhuuf deebii yoo kennan ammoo, Obbo Wayyuun ammaaf adeemsi xumurame jiraachuu baatus fuulduratti labsiifi imaammata bulchiinsa isaanii keessatti murtaa'a jedhan.

Akka Toonii Waatimaatti Keeniyaatti waldaan Qonnaan bultootaa cimaan ogeessa seera qabuufi gatiirratti qonnaan bultoota bakka bu'uun warshaalee waliin waliitti fidu jira.

Kanaafuu gabaa wal xaxaa adunyaa qonnaan bultoonni baay'een waan hin beekneef mootummaanis karaa kanaan mirgaafi fayyadamummaa isaanii eega jedha. Kun ammoo labsii mootummaan deeggaramuu qaba jedha.

Dabalataan warshaaleen sukkaara Oomishan ofuma isaaniin rabsuu osoo hin taane waldaaleef gatii madaalawwaan kennanii akka uummata bira dhaqqabu taasisuun barbaachisa jedha.

Yoo kun hin taane bakkuma hundatti ofumaan gabaa waan to'ataniif qaala'insa jireenyaa uumuu danda'a jedha.

Ogeessi dinagdee Tashoomaa Tarrafaa gama isaanitiin, seerris fi labsii cimaan mirga fayyadamtootaafi waldaalee kabachiisu jira amantaa jedhu hin qabu jedha.

Seenaa biyyattii keessatti kanaan dura waldaaleen dafqaan bultootaa, barsiisotaafi kaanis hundaa'anii akka human hin godhanne taasifamaa turan jedha.

Ogeessota cicimoos hin qaban ture jedhee ammas faayidaa qonnaan bultootaas tahe fayyadamtoota kaaniif dhabbanni ijaaramee cimeeru biyya keessa hinjiru jedha.

Hayyuun dinagdee Toonii Waatimaas mootummaan jalqaba waldaalee ijaaree leenjiidhaan cimsu qaba ; Keeniyaatti waldaalee cicimoon akka ijaaraman kan taasise mootummaadha jedha.

Biyyoota dinagdeen guddatan keessatti dinagdeen gabaa bilisaarratti hundaa'e haala gaariin hojjechaa jira jedhee Itoophiyaaf garuu guutummaatti hojii irra oolchuuf haaloti barbaachisan jiru jedha.

Mootummaan yoo warshaale gartokkeen gurguru abbootii qabeenyaa irratti dhiibbaa akka hintaasifneef iftoomina guddaa qabaachuu qaba jedhee amana Tooniin.

Sodaan adeemsi piraayivetaayizeshiinii kun umee jiraa?

Adeemsi pirayivetaayizeshinii kun waan haaraa miti kan jedhan Obbo Tashoomee Tarrafaa, garuu warshaaleen huccuu kanaan dura abbootii qabeenyaa dhuunfaatti gurguraman milkaa'oo akka hin turre dubbatu.

Dhabiinsa iftoominaa akka sababni guddaatti eeru. Kana malees abbootiin qabeenyaa biyya alaa dhufanii warshaalee bitatan baankii misoomaa Itoophiyaa irraa liqaa hamma warshichi baasuun ol fudhachuun ji'a hojjachuun booda biyyaa badaa akka turan yaadata.

Kanaan walqabatees biyyi kasaaraaf saaxilaamaa waan turteef amma of eeggannoo guddaan hin raawwatu taanaan miidhaa isaatu caala jechuun soodaa qaban ibsu.