Filannoon Tarkii akka irra deebi'amu murtaa'uun lammilee oriisise

Boordiin filannoo Tarkii filannoon naannoo gaggeeffamee ture akka irra deebi'amu ajajuu isaatiin balaaleffatame.

Magaalaa Istaanbul keessatti osoo hin eegamiin erga paartiin mormituu filannoo injifatee booda irra deebiin akka gaggeeffamu ajaja kan dabarse.

Lammiileen Tarkii daandiitti bahuun mormii dhageessisaa jiru.

Gamtaan Awurooppaas filannoon naannoo Istaanbul keessatti akka irra deebi'amu taasisuun filannoo dimokiratawaa tahe gatii dhabsiisuudha jechuun qeeqeera.

Paartiin pirezidaanti Erdohaan AK jedhamu harka xiqqaan erga caalamee al-seerummaan keessa jira jechuun mormii dhiyeesse.

Dura taa'aan Itti Aanaa paartii mormituu 'CHP' jedhamuu Onursal Adiguzeel irra haa deebi'amu jechuun isaanii paartii AK mo'achuun seeraan ala jechuu isaaniiti jechuun komatu.

Kaadhimamaan paartii CHP Ekiraam Imaamoglu ji'a darbe keessa ifatti kantiibaa Istaanbul tahuun muudameera.

Akka jedhametti filannichi irra deebiin Waxabajji 23 gaggeeffama.

Onursal Adiguzeel sirni fedha uummataa fi seera biyyattii hin kabajne seera qabeessas dimokiratawaas miti jedhan.

Kun ''abbaa irrummaati'' jechuun tiwiiterii isaanii irratti barreessan.

Bordii filannoo keessatti bakka bu'aan paartii AK akka jedhanitti irra deebiin kan barbaachiseef, qondalonni filannoo muraasni hojjettoota mootummaa miti, waraqaaleen sagaleen irratti kenname tokko tokkos irratti hin mallatteeffamne.

Qajeelfama keenya irratti araarama hin qabnu kan jedhan Ekiraam biyyattiin gootota biyya isaanii jaalatan miiliyoona 82 waan qabduuf hanga dimokiraasiin dhugoomutti falmachuu danda'u jedhan.

Tokkuumaadhaan paartiin AK akka biyyaatti 51%'n mo'adheera jedhus paartiin CHP garuu magaalota akka Ankaaraa, Izmiir fi Istaanbul keessatti mo'adheera jechaa ture.

Pirezidaanti Erdohaan paartiin Istaanbul irratti mo'ate kami iyyuu filannoo akka biyyaalessaa ni mo'ata jedhee waan amanuuf filannichi akka irra deebi'amu barbaada jedhamuun qeeqama.

Madda dinagdee biyyattii kan taate deebisee harkatti galfachuu barbaadas jedhama.

Kantiibaan paartii mormituu irraa taayitaa qabate diinagdee irratti fudhatama argataa jira jedhamus akkasuma deeggartootni Erdohaan garuu ammayyuu ni mo'anna jedhu.

Paartiin Erdohaan yaadicha irratti wal qoodaniiru. Kaan kun akka waan reeffa sanduuqa gale keessaa baasuuf yaaluuti jechuun ibsu.

Dhimmi dinagdee magaalicha sababa guddaa mo'amuu Erdohaanidha jedhu xiinxaltootni siyaasaa.

Dabalataan filannoon kun irra deebiin yoo gaggeeffame magaalichatti tasgabbiin akka hin uumamne gochuu danda'a kan jedhanis jiru.

Gariin ammoo bu'aan galmaa'u miira hamaa uumuu danda'as jedhanii amanu.