Leencoo Lataa 'Nagaasoo Gidaadaa nama xiiqeffataa ture' jechuun yaadatu

Leencoo Lataa (Bu'ureessaa ABO keessaa tokko)

Nagaasoo waliin ijoollummaa irraa jalqabnee wal beekna jedhu namni siyaasaa gameessi Obbo Leencoo Lataa.

"Mana barumsa sadarkaa tokkoffaas, sadarkaa lammataas walumaan baranne, wajjiin guddanne jechuun ni danda'ama" jedhu.

Inni waggaa tokko na duuba ture kan jedhan obbo Leencoon, "barataa cimaa ture kanaaf amma doktoreetii isaatti deemuu danda'e" jedhu.

Yeroo sadarkaa lammaffaa barannu sana biyyootni Afrikaa kolonii Awurooppaa jalaa bahaa turani, kanaaf yeroo sana waa'ee hiree murteeffannaa yaaduu jalqabne jedhu.

"Itoophiyaa keessattis sochiin sirna nugusaa garagalchuu yeroo sana jalqabame, sana keessa suuta suuta siyaasni nu harkisuu jalqabe" jedhu.

"Ani yeroon barnootaaf gara Ameerikaa deemu, inni Yuunivarsitii Hayilasillaasee gale" jedhu.

Yeroo yuunivarsitii Hayilasillaasee ture, sochii barattoota keessa akka ture nan beeka jedhu.

Yeroo Adda Bilisummaa Oromoo hundeessaa turre inni barnootaaf biyya Jarmanii ture jedhu Obbo Leencoon.

"Ati deemi seenaa baradhu, nuti seenaa hojjannee si eegna"

Yeroo ABO bu'ureessinu iccitii guddaan hojjenna ture, mootummaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane dhaabota maqaa Itoophiyaan ijaaraman jalaas dhokannee hojjenna turre jedhu.

"Yeroos akka mirga Oromootiif falmuu wanti yakkisiisaan hin turre, sochiin Oromoo diina baay'ees qaba ture" jedhan.

"Osoo ala bahuu baatee numa wajjiin warra ABO bu'uressu ture" jedhu.

Alatti sochii barattoota Oromoo bu'ureessuu irratti qooda qaba ture, sochiin kun ammoo ABO waliin dhaabbata ture jedhu.

Booddee sochii barattootaa sana keessatti wal-dhabdee uumame irraa kan ka'e, ABO irraa fagaachaa deemee, dhumarrattis dhaaba biraa miseensa ta'e jedhan.

Dhaaba gara garaa keessa haa jiraannuyyuu malee garuu, hiriyummaan keenya gargar hin citne, yeroo pireezidantii tures naaf bilbila ture jedhu.

"Inni waan dhaabni isaa lafa kaa'een ala yaada kaasuu hin danda'u, nuti yeroo sana walabummaa biyyaatiif falmina turre, inni ammoo walabummaa ni falma ture. Sababa sanaan waldhabbiin siyaasaa nu gidduu ture."

Dr. Nagaasoo Gidaadaa wayita barnootaaf gara biyya Jarmanii deeman, Obbo Leencoon 'ati deemi seenaa baradhu, nuti seenaa hojjannee si eegna" akka jedhaniin kitaaba isaanii keessatti himaniiru.

"Jecha sana isatu yaadata malee ani jechuu kiyya hin yaadadhu" jedhu Obbo Leencoon.

"Yoon jedheera ta'es dhugaadhuma ta'eetu mul'ate, jijjiirama siyaasni Oromoo amma keessa jiru kan maddisiise Adda Bilisummaa Oromooti" jedhu.

"Addi Bilisummaa Oromoo seenaa hojjetee Itoophiyaa jijjiiruutti geessee, dhaabi inni booda miseensa keessatti ta'es osoo ABO'n hin jiraannee hin bu'ureeffamu ture, kanaaf seenaan hojjetameera, seenaa hojjechuu kana keessatti innis qooda qaba" jedhu.

"Nagaasoon nama xiiqeffataa ture"

Akka Obbo Leencoon himanitti Dr. Nagaasoo Gidaadaa ADWUi'n dhaaba 'Soshaalistii' akka ta'etti quba qabu ture.

"Yeroo sanatti MM kan ture Mallas Zeenaawii ammoo lakkii 'Shoshaalizimii' dhiifneerra jedhee dubbannaan walgahicharraa ka'ee bahe, pireezidantummas gadi dhiise, miseensa ADWUI keessaas bahe."

Falammiin isaa kan 'soshaalistii' ta'uuf ta'uu dhiisuuti jedhu.

Dhimmi biraa ADWUI keessaa isaan baase "wan isaan balbala cufatanii wal falman ani hin beeku, kan TV irratti wal falmame garuu waa'ee 'soshaalizimii'ti jedhu.

"Nagaasoon nama xiiqeffataa ture, si'a tokkicha ejjennaa tokko fudhannaan of duuba hin deebi'u, maaltu narra gaha jedhee hin yaadda'u" jedhu Obbo Leencoon.

"Kanaaf ADWUI mormuutti seenee, sun ammoo gatii isa baasise, wareegama isa kafalchiise qaba."

Nama biyya kana hooggane ta'ee osoo jiruu, ejjennaa isaatiif jecha jireenya gadadoo jiraate jedhu.

Mana gammachiisaa keessa hin jiraanne, magaalaa kana keessa taaksiin deema ture, kun nama kaayyoo, nama murtii ofiif gatii barbaachisu kafaluuf qophii ta'e agarsiisudhas jedhu.

"Yoo namni biyya kanaa irraa barata ta'e, kanarraa ejjennaa ofiitiif wareegama barbaachisu kafaluun dirqii akka ta'e irraa barachuun ni danda'ama" jedhu.