Facebook maamiltoota lubbuun darbe adda baasaan jira jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Feesbuukiin waa'ee maamiltoota hiriyaa fi namni isaan jaalatan du'anii hubachuuf akka toluuf 'artificial intelligence' qopheessaa jira.
Kaampaanichi maamiltoota du'an ta'iiwwaan irratti akka hin affeerree ykn immoo baga dhalattee akka hin jenneen dhorkuuf hojjataa jira.
Toora pirofaayilii namoota lubbuun hin jirree gubbaarratti gaddasaanii ibsuuf yaadni barreeffame akka mul'ate eeyyama.
Anga'aan Feesbuuki Shiriil Sandaberg ''miidiyaan hawaasaa kun iddoo namootni lubbuun hin jirre itti yaadataman fi hafuurrisaani kabajamuu goona jedheen abdadhaa ''jedhan.
Fayyadamtoonni midiyaa hawaaasaa kana dura akka foyya'uuf gaafachaa turan.
Bara 2009 irraa eegalee maamiltoota nama yaadatan qabaniif pirofaayiliisaanirratti ''yaadannoof' kan maxxafamu danda'u feesbuukiiin eeyyameera, kunis hiriyoonni ergaa ykn dhaamsa isaanii akka qoodan dandeessisa.
Tajaajila kanas maamiltoonni miliyoona 30 ol ji'a ji'aan itti gargaaramaa jiru.
Fuula yaadannoon irratti barreeffame hubachiisni haaraan hin ergamuuf, yoo tariii lubbuunillee jiraate.
Feesbuukiin kana booda namoota lubbuun hin jirreef hubachiisni akka hin ergamne daangeessuuu fi iddoo hin barbaachifnetti akka hin mul'annee dhorkuuf 'artificial intelegence' gargaaramuuf jiira.
Toora namni dhuunfaa itti gargaaramuurratti yaadannnoo gaddaasaani namoonni biroo akka barreessaaniif iddoo qopheessaa.

Madda suuraa, Getty Images
Qabiyyeen akka yaadannootti maxxanfamu nama akka maxxansuu eeyyameeen raawwatama.
Ta'iin du'aan walqabatu nama midiyaa hawaasaa gargaramu kan biraa namtichi dhaalu eyyamamefin itti fufee raawwatama.
Namni toora midiyaa hawaasa kanarratti akka barreessuu eeyyamamee, gulaaluu, maxxaansuu fi namoota biroo waliin qoodu akka danda'uutti akka qopha'uu Aaddee Sanderberg himaniiru.
Qabiyyee midiyaa hawaasaa kanarra jiru hiriyoonni fi maatiin to'achuu akka danda'aaniif kan gargaaru ta'uus himaniiru.
Namoonni Umrii ganna 18 gadii toora midiyaa hawaasaa nama biraa akka to'ataniif hin eeyyamneef garuu, maatiiin ykn guddistoonnisaanii yoo du'an Feesbuukii gaafachuu danda'u.














