B/J Kamaal Galchuu: 'Murtee aangoo irraa ka'u eegaan ture'

Madda suuraa, OPanther
Hogganaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa B/J Kamaal Galchuu turtii ji'oota jaha booda aangoo irraa kaafamusaanii BBC'tti himan.
Dhimmicha ilaalchisees ''Xalayaan naaf ergame kaleessa (Wiixata) irraa eegale hojiirraa gaggeeffame ibsa,'' jechuun BBC'tti himaniiru.
Sababni irraa ka'anif akka hin beekinillee himu. ''Hin beekamu. Waan ibsame hin qabu,'' jedhan.
Murtee dura marii, gamaggamas ta'e haasaan akka hin turre kan dubbatan qondaalii duraanii waraanaa biyyattii, xalayaa kana irratti mallattoon Obbo Lammaa akka taa'e himu.
Haa ta'u malee, murtee kana eegaa akka turan dubbatu.
''Waan lamaaf eegaa ture. Tokkoffaa, akkaataa isaan hojii paartiifi hojii mootummaa itti hojjetani amantaa paartii kennaan dhuunfaa kiyyaatiinis faallaadha. Nuti paartiin sududaan tajaajila hojii mootummaa guyyaa guyyaa keessatti seenuu qaba jennee hin amannu.
''Lammaffaa sababaan ramaddii kiyyaatu booda booda yoo hubadhu polotikaa hawachuudhaafi akka jaarmayaatitti ofitti nama galchuudhaaf xiqqoo kan ilaalcha keessa galche natti fakkaata. ''
Qondaalli kuni turtii waggoota 13 booda waamicha MM Abiy taasisaniin waggaa darbe biyyatti kan deebi'an. Baatii Onkololeessa keessas Hogganaa Biiroo Nageenyaa kan Oromiyaa ta'un muudaman.
Muudamni isaanii keessumaa miseensa ODP osoo hin ta'in ta'un isaafii bakki isaas kan nageenyaa ta'un isaa bulchiinsa Obbo Lammaa irratti namni imaanaa akka qabaatu taasiseera.
B/J Kamaal garuu yeroo aangoorra turanitti ramaddiifi to'annoo hojjeettoota Biiroo nageenyaa irratti ODP'tu olaantummaa qaba jechuun himatu.
Dhimma kana irratti waajjira bulchiinsa Oromiyaas tahe waajjirri ODP waan dubbate hin qabu.
Dhaabni Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO) kan isaan dura taa'aa ta'anif ODP'n 'hanga ce'umsaatti kanatti wal gargaarree keessa haabaanu' jechuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
''Waliigaltee yaadaa malee kan mallattaa'e hinqabu,'' kan jedhan qondaalli kuni dhaaba isaaniifi ODP gidduu haasawni taasisuuf yaadames milkaa'uu dhabu himu.
''Lammii hundaafi tika nageenyaa ta'u ijaaruu barbaachisa. Hir'inni kuni baay'ee guddaa ta'u isaa agarra,'' jechuun yeroo hoggansa nageenya irra turan waan hubatan himu.
Ammaan achis ''Hojiidhuma dhunfaatiifi paartii kiyya hogganutti deebi'a,'' jechuun BBC'tti himaniiru.
Dhaabni isaanii erga qabsoo karaa nagaatti seene booda maqaa isaa Paartii Biyyoolessa Oromiyaatti jijjireera.
Kanaan duras, Daarektara Olaanaa OBN kan ture Mohaammad Adamoo dhiibbaa namoota waajjira ODP keessaan aangoo irraa kaafamuu ibsuun ni yaadatama.
Deebii ABO'f
Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud ibsaa kanaan dura qondaalli waraanaa kuni bakka nageenya Oromiyaa muudamu isaanitti komii akka qaban himani ture.
Tarii sababa kanaaf achi ka'u danda'an isa jedhuf garuu qondaalli kuni hin fudhatan.
''Anaaf wanta gatii qabu miti wanti dhiyaataa ture suni,'' kan jedhan B/J Kamaal Galchuun isa caalaa waan dhaabi ODP iti adeemaa jiru rakkoo akka fidu kaasu. Jijjiirama biyyattiifillee yaaddoodha jedhu.
''Garamitti deemaa akka jiran, amala maalii guddifachaa akka jiran mallattoo gaarii miti,'' Jechuun ce'umsaaf sodaachisaa ta'u himu.
Rakkoo nageenya Oromiyaa
Erga MM Abiy aangootti dhufani as rakkoowwan nageenyaa bakkeewwan mudatan keessaa Lixa Oromiyaa akkasumas Kibbi ni eeramu.
Keessuma lafa waraanni Bilisummaa Oromoo jirutti irra deddebbiin rakkoon uumamaa turus Hogganaa Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaa ta'un ji'oota shanif kan tajaajilaa turan garuu keessa akka hin seenne himu.
''Rakkoo mootummaafi ABO mudate keessaa ani qoodallee hin qabu. Hojjechaallee hin turre. Waan kana kan waliin hojjechaa turan ODP fi Shaneedha [ABO],'' Jedhaniiru.
Sababni kanaaf, komii gama ABO'tin ka'a tureefi isaaniis ofirraa waan dhiisanif akka ta'e himu.
Haa ta'u malee, rakkoon Lixatti mudate gara biraatti akka hin ceene hojjetaa turu isaanii BBC'tti himaniiru.













