Narsiin dhukkubsattuu gudeeduun shakkamaniifi boodarra deesse keessaa harka hin qabu jedhan

Narsiin himannaa dubartii dhukkubsattuu gudeeduufi boodarra deesseen himataman wanta akkanaa hin raawwanne jedhani mana murtiif dhiheessan.

Obbo Naataan Suzerlaand, 36, dhukkubsattuu ofiifuu kunuunsa barbaaddu irratti xuxxuqqaa saalaa raawwachuun himataman.

Dubartiin umurii 29 waggoota 20'f kilinika Haasiyendaa Arizoonaa Yunaayitid Isteet argamutti yaalamaa turte Muddee darbe osoo hin eegamin dhiira deesse.

Qacceen sanyii daa'imaa immoo narsii yeroo dheeraaf ishee kununsaa ture waliin tokko ta'e.

Abukaatoon Obbo Suzerlaand Deev Giregaan ripportarootaaf akka dubbatanitti himata Obbo Suzerlaand irratti baname akka mormaniifi qorannoo qaccee sanyii (DNA) addatti hojjechiisuuf akka jedhan himan.

Narsiin kun himatame jennaan turtii waggaa jaha booda hojiirraa ari'amuun isaa ni yaadatama.

Poolisiin hojjettoota kilinikichaa hunda walitti qabee qorannoo qaccee sanyii (DNA) taasisee ture.

Manni murtii dhimma himatamaa kanaa ilaaluuf Bitootessa bultii 19f beellameera.