ABO: Ibsi mootummaan Itoophiyaa baase 'dhugaarraa kan fagaatedha'

Alaabaa ABO

Madda suuraa, Sagalee Bilisummaa Oromoo

Erga Waajjiri Ministira Muummee haleellaan xiyyaaraa lixa Oromiyaatti gaggeefame jedhame dhara jedhanii booda, ABO'n ibsa baaseen haleella xiyyaaraatiin lubbuun namoota darbeera jedha.

Sekreetaariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum ibsa haala yeroorratti gaafa Roobii miidiyaaf kennaniin tarsimoon rakkoo mariidhaan furuurratti xiyyeeffate milkaa'ina bulchiinsa amma jiruuf isa murteessaa ta'uu himan.

Mootummaan jijjiirama amma dhufe milkeessuuf cichee hojjetas jedhan.

Gaaffii naannoon Oromiyaa dhiyeesseen humna nagaa eegsisu mootummaa federaalaarraa bakkeewwan rakkoon nageenyaa jiranitti bobbaafamee bu'aa gaarii galmeessisaa jiraachuullee himaniiru.

Bulchiinsi amma jiru rakkoo mudatu kamiyyuu karaa nagaan furuuf kutannoo kan qabuudha kan jedhan Billaneen, dhimma hundumaa mariidhaan hiikuun xiyyeeffannaa bulchiinsa kanaa ta'ee akka itti fufu ibsaniiru.

Bulchiinsi kun erga ji'a kudhan dura aangoo qabatee as tarsimoo mariidhaan dhibdeewwan jiran furuu irratti hundaa'e fayyadamuun bu'aa guddaa buuseera.

"Qaamolee marii karaa nagaatti amanuurra meeshaadhaan loluu filatanii hookkara uuman daandii qajeelaatti deebisuuf ammoo mootummaan dirqama qaba."

"Olaantummaa seeraa kabachiisuuf tarkaanfii sirrii ta'e hunda ni fudhanna," jedhu Billanee.

aadde Biilanee Siyyuum
Ibsa waa'ee suuraa, Waajjirri ministira muummee akka haaratti hunda'e hojii eegale

"Kanaafuu imala qilleensarraatu ture malee haleellaan qilleensarraa homaatuu hin turre."

Qaamoleen nageenya hin feene rakkoolee akka daandii cufuu, konkolaattota humnaan namarraa fudhachuu akkasumallee buqqa'uu lammiileef sababa ta'an jiru. Warra toorasaaniitti hin gallerraan miidhaa geessisaa turan.

"Dubartoota gudeeduu, qaamolee nageenyaa haleeluu fi saamicha geggeessuunis tureera."

Raayyaan ittisa biyyaa gara Oromiyaatti kan bobba'e, rakkoolee mudachaa jiran furuuf jecha gaaffii mootummaa naannootiin jedhaniiru. Ergasii nageenyi mirkanaa'aa jira, sochiin hawaasaas iddootti deebi'aa jira jedhaniiru.

"Namoonni saamicha baankii keessatti hirmaataniiru jedhamanii shakkaman dabarfamanii seeratti kennamaniiru."

"Qaamoleen hidhatanii socho'anii hangi tokko hidhannoo hiikkataniiru."

"Keessattuu Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Guji keessa socho'aa ture waamicha abbootiin gadaa dhiyeessaniin qabsoo karaa nagaatti dabalamaniiru." jechuun Billaneen dubbataniiru.

Raayyaan Ittisa biyyaa haleellaa qilleensaarraan qaqqabsiiseera jechuun oduun miidiyaa hawaasummaarra bal'inaan deemaa ture dharadha kan jedhan Sekreetaariyaatiin Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum, xiyyaara fayyadamuun garuu hojiin hojjetamaa ture jira jechuun dubbataniiru.

"Hidhattoonni seeraan ala socho'an kunneen daandii cufanii waan turaniif raayyaan ittisa biyyaa bakka rakkoon nageenyaa jiru deemee hojiisaa hojjechuu hin dandeenye. "

"Kanaafuu imala qilleensarraatu ture malee haleellaan qilleensarraa homaatuu hin turre." jedhaniiru.

Komaandpoostiin Lixa Itoophiyaa ibsa kenne

Walitti bu'insa Naannoo Beenishaangul Gumuzi fi naannawa daangaa Lixa Oromiyaatti uumame tasgabbeessuuf Komaandpostiin hojii isaa cimsee itti fufee akka jiru ibsameera.

Dhaabbileen mootummaafi dhuunfaan akkasumas sochiin hawaasummaa fi daldalaa sababii rakkoo uumameen dhaabbatee ture.

Odeeffannoon waldha'aa fi akka malee olkaafamanii miidiyaalee gara garaan keessumatti miidiyaa hawaasaan tamsa'aa jiran madaalli isaanii eeggachuu akka qabaniis komaandpostichi beeksiseera.

Baankonni saamaman, baay'inni maallaqa saamamee, qaama saameefi saamsise, miidhaa namaafi qabeenya irratti qaqqabe dabalatee qaamoleen dhimmi ilaalu irratti hiramaachuun qulqullaa'ee ummataaf akka ibsamu komaandpostichi beeksiseera.

Humni qilleensaa xiyyaaraan haleellaa geggeesseera ololli jedhu soba ta'uus Komaandpostiin Lixa Itoophiyaa ibsa kanaratti himeera.

'Hidhattoonni naannicha jeeqaa turan jedhamuun shakkaman 835 to'annoo jala oolaniiru'

Sochii komaand poostii torban kanaan meeshaaleen poolisi naannoo, milishaafi man-kuusaa keessaa saamaman akkasumaas qabeenya mootummaafi dhuunfaa saamamanii qaama badiif tajaajilaa turaniifi deebi'an akkasumas booji'amuun kan galan ilaalchisee akka armaan gadiitti dhiyaataniiru.

Breenii afuur(4), kilaashii jaatamii tokko(61), meeshaalee waraanaa boodatti hafaa dhibba tokkofi shan (105) Shigguuxii saddeet (8), rasaasa breenii kuma tokkoofi shan (1005),rasaasa kilaashii torbaatami tokko(71) ,rasaasa shugguuxii afurtami lama (420),rasaasa mortaarii tokk(1)meeshaa kora bittinneessaa kudha torba(17)

Akkasumas konkolaattoota diinaaf tajaajila keennaa turan, meeshaalee garaagaraatifi maallaqa ilaalchisee, konkolaataa (FSR) torba(7), Ayisuuzuu (ISUZU) lama(2), ambulaansoota lama (2) minibaasota shan(5), motorsaaykilii digdamii jahaa(26), barmeelii diigdama(20), beenzina leetirii kuma jahaa (6000), moobaayila kudha sagal(19), kaardii mobaayilaa kuma shaniifi dhibba sagaliifi kudhan (5910), hidhannoo mudhii lama(2), kompitara tokko(1), priinara tokko(1) yoo ta'u, hidhattoonni naannicha jeeqaa turan jedhamuun shakkaman dhibba saddeetiifi soddomii shan tarkaanfii komaand poostiin fudhateen to'annoo jala oolaniiru.

Deebii ABO: 'Haleellaa kana haaluuf ibsi kenname dhugaa irraa kan fagaatedha'

Addi Bilisummaa Oromoo har'a sa'a booda fuula Feesbook isaanii irratti ibsa baasaniin, Billanee Siyyum waa'ee haleellaa xayyaaraa Dhiha Oromiyaatti gaggeeffamee haaluuf ibsi miidiyaaleef kennite dhugaa irraa kan fagaatedha jedhu.

Haleellaan xiyyaaraa kun guyyoota lamaaf (Amajjii 12 fi 13) Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii, magaalaa Qellemii fi naannoo isaa iddoo sadiitti gaggeeffamera jedhu.

Ibsa kanaratti haleellaa humna lafoo fi qilleensaatiin Ona Gidaamii keessatti gaggeeffameen hanga ammaatti odeeffannoon qulqullaawee beekame akka mul'sutti lubbuun namoota nagaa (meesha-maleeyyii) 7 darbuu isaa beeksiseera.

Addi Bilisummaa Oromoo waliigalteen Mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame nagaadhaan hojiitti hiikamee biyyi kunii fi uummatnis nagaa akka argatuuf lolli kun hatattamaan dhaabbachuu qaba jedhee akka amanu ibseera.

"ABOn sochii karaa nagaa qofaan jijjiirama eegalame kana fiixaan baasuuf hojjechaa osoo jiruu danqaa adda addaa uumuudhaan akka waltahiinsi keenya boorawuu fi hojiitti hiikuun isaa harkifatu kan gochaa turee fi gochaas jiru EPRDF malee ABO miti."

"Mootummaan Itoophiyaa balleessaan ittiin nu himatuu fi yakki Ummata keenyaa fi nu irratti dalagamaa jiru qaama walabaan qoratamee dhugaan akka bahu jabeessee gaafata" jedha Addi Bilisummaa Oromoo.