ABO: Ajaajaa waraanaa Eliyaas Gaambellaa jedhamu hin beeknu

Eeliyaas Gaambeelee kan ajajaa WBO kibbaati jedhame

Madda suuraa, FBC

Ibsa waa'ee suuraa, Eeliyaas Gaambeelee kan ajajaa WBO kibbaati jedhame

Ajajaan WBO Zoonii Kibbaa naannoo Gujiiti jedhame Eeliyaas Gaambeelaa Gooloo jedhamu waamicha abbootii Gadaa karaa nagaa qabsoo gaggeessuu jedhu simate jedhamus ABO'n oduu sobaatii jedhe.

Abbootiin Gadaa, abbootiin amantaa fi jaarsoliin biyyaa WBO waamicha karaa nagaa taasifameef kabajuun qabsoo karaa nagaa gaggeessuu qaba jechuun waamicha taasisanii turan.

Mootummaa fi ABO'n wal dhabdee gidduu isaanii karaa nagaa xumurachuu qabu jechuun dhimma kana irratti hojjechaa turan.

Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoos mootummaa fi ABO gidduu wal dhabdeen ture hiikamuu qaba jennee Hayyuu Duree ABO fi pirezidaantii Naannoo OromiyAA Obbo Lammaa Magarsaa waliin marii taasifnee turree jedhan.

Ergasiin as garuu waan gidduu kana jedhamu irratti maal irra akka gahame quba hin qabu jechuun BBCtti himan.

Namni Eeliyaas Gaambeelaa Gooloo jedhamu ajajaa WBO Kibbaati jedhame waamicha abbootii Gadaa simachuun waraana dhaabuun karaa nagaa deebi'uuf waliigalameera jechuun miidiyaaleen biyya keessa gabaasaa turan.

Dhimmi kun miidiyaalee hawwaasaa irrattis bal'inaan qodamaa ture.

Bulchaan Godina Gujii Obbo Roobaa Tarchee ammaaf waanti mirkanaa'e jiraachuu baatus miseensonni WBO waamicha abbootiin Gadaa isaaniif taasisan simachuun abbootii gadaa waliin wal arguun marii xumurachuu isaanii quba qabna jedhan.

Haa tahu malee eenyu fa'a akka tahan irratti odeffannoo hin qabu jedhanii uummata oromoof hidhannon miti yaadaan qabsaa'uu barbaachisa jedhanii simachuu odeeffannoon na dhaqqabeera jedhan.

Ijoolleen kun abbootii gadaa dhaqqabuu odeeffannoo qaba'' jedhan Obbo Roobaa Tarchee. Dabalataan ijoolleen kunneen karaa nagaa gara maatii isaaniitti akka deebi'anii fi qabsoo Oromoo akka tumsan isaan jajjabeessina jedhan.

Miseensi Gumii Shanee ABO Obbo Mikaa'el Booran ammoo isa miidiyaaleen maqaa dhahanii ajajaan waraana Kibbaa waamicha abbootii Gadaa simatee karaa nagaa deebi'e jedhamu quba hin qabnu ololadha jedhan.

Obbo Mikaa'el WBO Kibbaa keessaa ajajaa waraanaa Eeliyaas jedhamu hin qabnu, maqaa kanas hin beeknu jedhan.

Obbo Mikaa'el WBO dhaaba jalatti waan ajajamuuf ajaja dhaaban hojjeta waan hojjetu jedhan.

Dabalataan WBO qofaatti beekamtii fi adeemsa dhaabaa malee mootummaa waliin mari'achuus tahe waliigaltee uumuu hin danda'u, kun ojii akka dhaabaatti hojjetamudha jedhan.

Abbotiin Gadaa Gujii torban nagaa labsuun namnis tahe lubbu qabeessi tokko sababa waraanaan lubbuu dhabuu hin qabu jechuun hojjechaa turan.

Mootummaa fi ABO'n isintu waadaa diige jechuun quba walitti qabuu malee waliigalteen uummatni barbaadu irra gahaa hin jiran.

Mootummaan WBO obbo Daawud Ibsaan dursamu irratti waraana akka gaggeessaa jirus torban darbe Jeneraal Biraanuu Juulaa himaniiru.

Rakkoo nageenyaa gama Lixa romiyaan jiruunis qaamni hidhate baankota saamuun waajjiraalee mootummaas gubaa jiraachuu himama ture.

ABO'n Lixa Oromiyaatti yakki raawwataa ture waraana keenyaan miti jedhus qondaaltotni mootummaa tokko tokko ammoo qaamni hidhatee naannicha irra socho'u gara biran hin jiru jechuun BBCtti himaniiru.