Helikoptarri Sudaan caccabdee qondaaltota 5 galaafatte

Kaartaa

Helikoptarri Bahaa Sudaanitti caccabuun bulchaa naannoo tokkoofi qondaaltota afur galaafatte.

Helikoptarri bulchiinsa Al-Qadarifitti bu'uuf jettu gamoo kominikeeshiniitti erga buutee booda gubatteetti jechuun AFP'n yaada namoota ijaan argan barresseera.

Sababi kuni mudateef mootumma irraa wanti himame hinjiru.

Miidiyaan biyyattis namoonni miidhaman gara mana yaalaa dhaquu isaaniiti malee waan biraa hinhimne.

Namoota balaa kanaan lubbuu darbe keessaa bulchaa Al-Qadariif Mirgaanii Saaleh, Dura-taa'aa kaabinee, qondaala poolisiifi ministeerri Qonnaa keessatti argamu.

Qabeenyonni waraanaa hedduun biyyattii Sooviyeetii duriirraa bitaman.

Onkololeessa keessas yeroo xiyyaaronni lama magaalaa Kaartum keessatti walitti bu'aniin namoonni 8 miidhamanii ture.

Fulbaana keessa ammoo jeettiin waraanaa magaalaa Omduramaan keessatti caccabe kanneen oofaa turan lama du'aniiru.