Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigaltee ABOfi ODP: "Qawween siyaasa keessaa akka bahu waligalleerra"
Paartiin Diimokiraatawaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Oromoo dhimmoota faayidaa Oromoo irratti waliin hojjechuuf waliigalteerra ga'aniiru.
Aanga'oonni ABOfi ODP waliigaltee irra gaa'ame kana waliin walqabatee ibsa kennaniinis nagaafi guddina biyyaattiif kana booda wal-dhaggeeffachaa waliigalteedhan akka hojjetan dubbataniiru.
Pirezedaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa dubbii waliigaltee kana irratti taasisaniin faayidaan uummata Oromoo paartii siyaasaan ol ta'uu ibsaniiru.
"Deggartoonni Adda Bilisummaa Oromoos ta'an deggertoonni ODP, yeroo kamirra caalaa yeroon itti tasgabbiidhaan hojjechuun nurra jiraatu ammadha," jedhan.
"Faayidaa sabaa keenyaaf jecha walitti dhufnee haa hojjennu," kan jedhan Pirezedaanti Lammaan, "carraa amma nu harka jiru kana yoomiyyu hin argannu wwaan ta'eef akkasitti walitti dhufnee waliigallee hojjechuu qabna" jedhan.
Dubbii har'aa qofa osoo hin taane waan fuula dura jiruuf dhimmamanii hojjechuuf wal-dhaga'uufi walamanuun barbaachisaa ta'uus kaasaniiru Obbo Lammaan.
"Keessumaa ammoo waan egeree Oromoo ilaallee har'a waliigallee hojjechuun, humna walii taanee hojjechuutti amanna nuti," jedhan.
'Nutis, isinis saba keenyaaf qabsaa'aa jiirra'
Akkaataan ittiin qabsaa'an adda adda ta'ullee galmi qabsaa'aniif tokko, innis faayidaa Oromoo ta'uu Obbo Lammaan himaniiru.
"Humni Adda Bilisummaa Oromoos saba keessaniif qabsaa'aa turtan, qabsaa'aas jirtu. Nutis qabsaa'aa turre, qabsaa'aa jirra isin waliin taane."
"Saba Oromoo fuuldura dhaabannee qaama Oromoodhaaf hojjetu kamirrattiyyu shiraafi dabaa biraa hojjechuu hin barbaannu. Isinis kana hubattanii tasgabbiifi qalbiidhaan, nu amantanii, waliin taanee akka hojjennuun jedhaa" jedhan.
Marii tokkummaa qajeelfannaa ABOfi ODP kana irratti pirezedaant Lammaa Magarsaafi Hayyu Duree ABO Obbo Daawud Ibsaa dabalatee aanga'oonniifi maanguddoonnis irratti argamaniiru.
Hundi isaaniis harka walqabatanii waadaa tokkummaafi waliigalteen hojjechuu waliif galaniiru.
Hayyu Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa waliigaltee Asmaraatti irra gahan hojiirra oolchuuf ODP waliin hojjechuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru.
Kana malees, waan nu harkaa bahaa ture waliin sirreessaa gara fuulduraatti walta'insaafi akeeka jaarsoliin lafa kaa'aniin waloodhaan ni hojjennas jedhaniiru.
Kanumaafis, miseensonniifi deeggartoonni ABO kana fudhatanii tasgabbiin Oromiyaa akka eegan dhaaman, Obbo Daawud Ibsaa.
Miseensa Gumii Shaneefi Sabaa Adda Bilisummaa Oromoo kan ta'an Obbo Ibsaa Nagawoo qawween siyaasa keessaa akka bahu waligalleerra jedhan.
''Waraanni Bilisummaa Oromoo humna qaama nageenya mootummaa Oromiyaa akka ta'utti kan waliigalame.''
''Humni Oromiyaa hundinuu sassaabamee gar-tokkootti deebi'e Oromiyaafi uummata Oromoo tiksuu irratti fuula galagalfanna,'' jedhaniiru.
Hireen Waraana Adda Bilisummaa Oromoo hidhateefi biyya keessa jirullee akkatuma kanaan ni raawwata jedhaniiru.
Dhimma hikkachiisuu kan jedhu namoota daangaa marii taasifameen ala jiranitu afarsa jechuun qeeqaniiru.