Daseetti ajjeefamuun daa'ima ganna 7 jeequmsa uume

Uummata magaala Dasee mormiif bahe

Madda suuraa, Amhara Mass Media Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Uummata magaala Dasee mormiif bahe

Magaala Daseetti daa'imni ganna 7 haala sukkaneessaan ajjeefamtee argamuun magaalitti keessatti jeequmsa uumeera.

Poolisiin guyyaa kaleessaa eeruu isa qaqqabeen daa'imni kun erga manaa baddee guyyaa torba booda reeffa ishee argeera.

Nama gocha sukkaneessaa kan raawwate jechuun shakke poolisiin toa'nnoo jala oolche abba bideenaa daa'ima ajjeefamteeti.

Jiraattotni magaalitti hedduun shakkamaan kun fannifame haa ajjeefamu jechuun gaaffiin dhiyeessan gara jeequmsaatti ce'e.

''Sababa du'a daa'ima kanaan uummatni aaree ture. Naannoo piyaassaa bakka reeffi ishee argamee fi buufata poolisii 'soostanyaattis' uummatni yaa'ee ture'' jedha jiraataan Magaalitti Haayilayyasuus Baqqale.

Gara buufata konkolaataa fi magaala keessa sababa kanaan dhukaasni tures jedha Haayileyasuus.

Uummatni magaalitti gocha kanaan oriisaa isaa ibsuun shakkamaan to'annoo jala oolee akka fannifamee ajjeefamu barbaanna jechuun daandiitti bahaniiru jedhu kantiibaa itti aanaan magaala Dasee obbo Tasfaayee Caannee.

''Gaaffiin isaanii seera biyyaattiin kan hin hayyamamne akka ta'e uummatatti himnee ture'' kan jedhan obbo Tasfaayeen, sana boodaa namoonni muraasni dhagaa darbachuu fi manneen daldalaa miidhuu eegalanii ture jedhan.

Gocha kan ittisuuf jecha qaamoleen nageenya dhukaasa banuu isaaniis dubbataniiru.

Dhukaasaan namni balaan irra gahe hin jiru, qaama nageenyaa tookkoorra garuu miidhaan salphaa gaheeras jedhan.

Magaalittiin sa'aa saddeet booda tasgabbii qabdiis jedhaniiru.

Daa'imni waggaa 7 kun harmee fi abbaa biddeena ishee waliin ganda saalaayiish jedhamtu kan jiraachaa turte yoo ta'u erga baddee guyyaa torba booda haala sukkaneessaan ajjeefamtee sharaan maramtee akka argamtee Obbo Tasfaayeen BBCtti himaniiru.