Hojjetoonni Chaayinaa fincaan dhuguufi geergoo/tukaanii nyaachuuf dirqisiifaman

Bararii fallaanarra jira

Madda suuraa, Science Photo Library

Ibsa waa'ee suuraa, Hanga sirraa eegamu hin gurgurtu taanaan, kan nyaattu siif yaa sifaa'u

Gaggeessitoonni dhaabbata Chaayinaa tokko hojjetoota irratti tarkaanfii hamaadha jedhame fudhachuun hidhaan adabaman.

Gaggeessitoonni hidhaan adabaman kunneen hojjetoota gurgurtaa hanga isaaniif kaa'ame milkeessuu dadhaban akka fincaan dhugan, geergoofi bararii ammoo akka nyaatan gochuun adabaa turuu miidiyaan biyyattii gabaasaniiru.

Poolisiin kan tarkaanfii fudhachuu jalqabe erga viidiyoon yeroo hojjetoonni qabattoon garafamanii waan akka dhangala'aa bifa keelloo tokko dirqisiifamanii dhugan ba'ee mullateedha.

Wantoonni miidiyaalee hawwaasummaa irratti maxxanfaman akka agrsiisanitti hojjetoonni gurgurtaa isaanirraa eegamu yoo milkeessuu dadhaban bararii dirqamaan nyaatu.

Gaggeessitoonni sadii yakka kanaan walqabatee hidhaa waggota shaniifi 10 adabamuu South China Morning Post gabaaseera.

Fuula miidiyaa hawwaasummaa Chaayinaa 'Weibo' jedhamu irratti viidiyoon ba'e tokko akka agarsiisutti hojjetaan dhiirri namoota marsanii dhaabatan gidduutti mullatu tokko, alangaadhaan wayita garafamu agarsiisa.

Woman slapping man with belt

Madda suuraa, Pearvideo.com

Ibsa waa'ee suuraa, The video quickly went viral on Weibo
Presentational white space

Hojjetoonni biroon kan jedhan, hojjetoota dhaabbata 'home renovation company' kan magaalaa Guizhou keessatti argamu ta'uun dhangala'aa keelloo kubbaayyaa pilaastikaa keessaa funyaan qabatanii dhugaa argamuudha.

Ergaa iskiriin shootii irraati jedhame kan agarsiisus, hojjetoonni hpojii gadi aanaa hojjetan bararii akka dirqamaan nyaatan dirqisiifamu.

Akka gabaasa miidiyaaleetti yoo ta'e, adabbiiwwan bira biroo kan akka qaanessuufi adabbiiwwan akka bishaan mana fincaanii obaasuu ykn dhangaggoo dhuguufi mataa addachuudha.

Miidiyaalee hawwaasummaa osoo hojjetoonni dhangala'aa bifa kelloo dhugan yeroo agarsiisu

Madda suuraa, Pearvideo.com

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaalee hawwaasummaa osoo hojjetoonni dhangala'aa bifa kelloo dhugan yeroo agarsiisu

Kubbaaniyaan kun hojjetoota isaaf ji'oota darban lamaaf miindaa kaffaluu didullee hojjetoonni garuu rakkoo isaanii kana miindaa keenya sodaaa jedhuun callisuu filataniiru.

Poolisiin kutaa biyyaa Zunyi gaggeessitoota kubbaaniyyaa kanaa sadii akka to'annaa jala oolcheefi boodarra ammoo hidhaan akka itti murtaa'e beekameera.

Taateen akkasii kun kubbaaniyoota Chaaayinaa keessatti hojjetoota bifa kanaan dura hin beekamneen kan akka qaanessuu/salphisuun adaban isa dhiyoodha.

Gabaasaaleen kanaan dura ba'aa turan akka agarsiisanitti, hojjetoonni yeroo bifa wal si'eessuu/dadamaqsuu jedhuun waliii walii isaanii kabalaa turan, daandii guddaatti ba'anii jirlbaan daa'imaniif dirqamaaa turan.