Yaaddoo meeshaan waraanaa seeraan alaa uume

Shugguxii seeraan alaa qabame

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Shugguxii seeraan alaa qabame

Konkolaataan guddaan boba'aa fe'atee Sudaanirraa Itoophiyaa seenaa ture Lixa Gondar naannoo Gandaa Wuhaa jedhamutti garagalee sakatta'iinsa poolisiin taasisaniin shugguxiin biyya Turkiitti hojjetame 1,291fi kilaashiin 97 to'annaa jala ooluun torban darbe ture kan oduun dhaga'ame.

Meeshaan waraanaa kallattii gara garaan daangaa cabsee gara biyyaa galaa jiraachuu oduun kan dhaga'amuu jalqabe bubbuleera.

Ji'oota muraasa ammoo haala kanaan dura ta'ee hin beekneen magaalaa Finfinnee dabalatee meeshaan waraanaa seeraan alaa akka malee baayyataa jiraachuun yaaddoo uumeera.

Poolisiin Federaalaa tibbana tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himetti A L I 'tti Adoolessa 1, 2010 hanga Onkoloolessa 20, 2011 'tti meeshaaleen waraanaa gara garaa seeraan ala fe'amaa turan 2, 516 ta'an gara biyyaa galuudhaaf yeroo jedhanitti qabamuu isaanii beeksiseera.

Dhimmi kunis maaltu akka ta'aa jiru namoota yaaddoo keessa galcheera. Mootummaan ammoo maal gochaa jira kan jedhu akka gaafatanis taasiseera.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr.Abiy Ahimad wayita daawwannaaf gara Jarman deemanii turan Magaalaa Firaankifartitti gaaffii namoota seeraan ala meeshaa waraanaa hidhatanii nageenya booressan jedhamanii fi meeshaalee waraanaa seeraan ala yeroo garagaraatti biyyattii keessa osoo galanii qabamanirratti wayita deebii kennan.

''Paartiin morkattuu meeshaa hidhatee Itoophiyaa gale tokkollee hin jiru. Hunduu alaabaa qabatanii, sirni qophaa'eefii akka nagaan biyya galan isin hubachiisuun narraa waan eegamu miti.''

''Maarree meeshaaleen waraanaa irra deddeebiin qabaman eessaa dhiufan yoo naan jettan, meeshaaleen waraanaa biyyoota garagaraarraa bootee boba'aa fe'u keessa dhokfamanii kallattii adda addaatiin seeraan ala gara biyyaa ni galu.''

Lammiileen Itoophiyaa hedduun hidhataniiru. Kan hanga ammaa argitan qofa osoo hin taane, kanneen isin hin beekne, kan naannoo ollaasaa jiru waraanuuf meeshaa bitachaa, loosee seensisaa oola.

Itoophiyaa keessatti akkuma beektan yeroo baayyee warren ummata walitti buusan hin du'an, kan dhumu qonnaan bulaadha. Kanaafuu ummati keenya akka wal hin ajjeesne,karaa hin taane akka hin deemne walgorfachuudha malee karaa ummanni ittiin walfixu mijeessuun waan sirrii miti,'' jedhan.

Naannoowwan meeshaan seeraan alaa fe'amuun baayyinaan itti mullatan keessaa naannoon Amhaaraa adda durummaan heerama.

Itti-gaafatamaan Biiroo Nageenyaa Naannichaa Birgaader Jeneraal Asaaminew Tsiggee akka jedhanitti karaa Matammaafi magaalaawwan biroo meeshaan seeraan ala galuuf osoo jedhanii qabamaniiru.

"Yaaddoon isaa salphaa miti" kan jedhan aanga'aan kun, akka furmaataatti naannichi bakkawwan sakatta'insaa filateera jedhan.

Ta'us garuu bakkawwan sakata'insaaf filatamiin alatti meeshaan waraanaa seeraan alaa akka hin daddabarreef uummati akka saaxiluuf waliin hojjechuudhaaf mariyachaa jirra jedhan

Akka itti gaafatamaa kanaatti bakkawwan sakatta'insaaf filataman kanatti iskaanerii (meeshaa elektiriikaan kan sakata'u) hojiirra oolchuudhaaf mootummaa Federaalaa waliin hojjechaa jiru.

Naannoon Benishaangul Gumuzilleen bakka meeshaan waraanaa seeraan ala deddeebiyu keessaa tokkodha.

Naannoon sun Sudaan Kibbaa waliin waan waldaangessuuf keessumaa aanaa addaa Nakoomaa jedhamurraan meeshaan seeraan alaa akka galu Pirezedaantiin itti-aanaan naannichaa Obbo Abarraa Baayyataa ni dubbatu.

Keellaa Buhaa Almehal jedhamutti yeroo meeshaan waraanaa seeraan ala giddu-galeessa biyyaatti galaa jiru akka qaban dubbatanii meeshaa seeraan alaa "sakkatta'uudhaan to'annoo jala ni oolchina" jedhaniiru.

Meeshaa waraanaa seeraan ala deddeebiyu bifa waara'aa ta'een furuuf ammoo humni mootummaa naannichaafi Federaala irraa walitti dhufee hundaa'e jiraachuus heeraniiru.

Meeshaan waraanaa seeraal ala deddeebiyuun kan naannolee qofa osoo hin taane mataa dhukkubbii magaalaa Finfinneetis.

Xiinxalaan siyaasaa Obbo Daadee Dastaa akka jedhanitti namoota dhuunfaadhaan ykn garee xixiqqaadhaan meeshaaleen seeraan alaa rabsamuun seeraan aladha.

Meeshaa hidhachuun humna fayyadamuun aangoo mootummaa qofaa ta'ee osoo namoota dhuunfaafi gareewwan harka galaa jiraachuun meeshaa mul'ataa jira jedhan.

Gochaawwan balaa baatan jedhan kanneen akka meeshaalee waraanaa deddeebisuu, naannolee gidduutti waldhabdee uumamu, olola jibbiinsaa oofamuu eegale paartilee karaa nagaan qabsaa'uuf biyya seenaniin walqabsiisu.

Meeshaaleen seeraan ala deddeebi'an kunneen harka daldaltoota seeraan alaa akkasumallee namoota ajandaa siyaasaa uummatanii socho'an harka galuu waan danda'aniif aangoo mootummaaf yaaddoo ta'uun alatti ummata balaa keessa buusuu danda'a jedhu.

Haalli kun bahaa fi gala ummataa yaaddoo keessa galcha kan jedhan Obbo Daadeen ummati mootummaarraa amantaa dhabaa fi nageenyasaaf sodaachaa hammuma deemu meeshaa waraanaa ittiin nageenyasaa eeggatu bitachuutti deema jedhu.

Akka isaan jedhanitti dhaabbileen mootummaa meeshaalee waraanaa seeraan alaa to'achuuf hundaa'an qindoomina hin qaban. ''Wayita rakkoon uumama sadarkaa hatattamaan deebii kennanirrallee hin jiran. Kana sirreessuuf aarsaa kaffaluu gaafata.'' jedhan.

''Seera eegsisuun dirqama mootummaa ti, mootummaan utuu hin turin to'annoo barbaachisaa cimsuu qaba. Sochii cimaa gochuu qaba mootummaan''

Komishinarri Komishinii Poolisii Magaalaa Finfinnee Meejar Jeneraal Daggifee Badhii deddeebisa seeraan alaa meeshaalee waraanaa to'achuuf jecha meeshaa hidhachuun kan eeyyamamuu fi hin eeyyamaneef ilaalchisee seera baasaatti jiraachuu dubbata, yeroo gabaabaa keessatti hojiirra oolas jedhan.

Kanaan dura namni dhuunfaa sababa ga'aa dhiyeessee mootummaa beeksisee hidhachuu danda'a.

Ta'us garuu lammiileen beekamtii mootummaan ala meeshaa waraanaa kan hidhatan yoo ta'e aangoon mootummaa yaaddoo keessa galuun waan hin oolle jedhu Yuuniversitii Keel keessatti seera kan barsiisan, xiinxalaan siyaasaa DR. Awwal Qaasim Aloo.

''Namni dhuunfaa marti meeshaa waraanaa hidhachuu yoo jalqabe sababa kan ta'u dhimma siyaasaati, siyaasni haala kanaan deemummoo biyya balaa keessa buusa.

Keessattuummoo meeshaan waraanaa seeraan ala deddeebi'an kunneen harka humna cimaa ijaaramee yoo gale walfixuutu dhufa'' jedhan Dr. Awwal.

''Meeshaa waraanaa ilaachisee seerri kanaan dura jiraatus, yaaddoo ammaan tana uumamaa jiru hambisuuf seerri cimuu qaba. Namni tokko meeshaa waraanaa hidhachuuf ulaagaan sirrii fi ifaa ta'e jiraachuu qaba. Namni tokko sababa malee meeshaa kan hidhatu yoo ta'e rakkoon dhalachaa deema'' jedhan.