Haadholii Amboo: ''Arrabsoon haadhaa haa dhaabbatu''

Dubrtoota Ambotti haadha arrabsuun haa hafu jechuu hiriira bahan

Madda suuraa, Komunikeeshinii Shawwaa Lixaa

Ibsa waa'ee suuraa, Dubrtoota Ambotti haadha arrabsuun haa hafu jechuu hiriira bahan

Haadholiin magaalaa Amboo arrabsoon haadhaa dhaabbachuu qaba jechuun torban darbe hiriira bahaniiru.

Haati waan hamaa keessa teessee fuulduree dhalashee bareedaa gochuuf gatii gurguddaa kaffalti. Osoo beeloftuu dhalashee afaan keessi, osoo dhukkubsatu kolfiti.

Miira dhalashee eeguuf waan dandeesuu hundaa kaffalti. Simboo fi jireenya mataashee caalaa kan dhalashee yaaddi, yaaddoftis.

Gaafa of danda'an gatii haadhaa kana nama meeqatu yaadata laata? Kabajni haadhaaf kennamu hoo gatii haati kaffaltu waliin wal fakkataa?

Mee naannoo keessanis tahe jireenya keessan taajjabaa. Kana yeroo jennu ammoo halli jireenya nama hundaa akka wal hin fakkaanne ifaadha.

Oromoon safuu qaba. Kanaaf wal safeeffatee kabajaan waliin jiraata.

Xixiqaan fi gurguddaan wal kabajee, quxisuun hangafa kabajee, dhalaaf dhiiraan safuu isaanii eggatanii kabaja guddaan waliin jiraatu.

'Malkaa dubartii dura hin ce'an'

Kanaaf akka safuu fi aadaa Oromootti mana cidhaas tahe mana bo'ichaa yeroo deeman dubartootatu dura deema.

Malkaa dubartii dura hin ce'an. Siiqqee ishee tarkaanfatanii hin deeman.

Dubartiin haadha, obboleettii, fi haadha manaati. Kun har'a eegamee jira laata?

Haa tahu malee bakkeewwan garaagaraatti namootni yommuu walitti bu'an haadhaan wal arrabsu.

Akka waan haati salphinaa fi arraba taateetti fudhachuun mallattoo arrabaa gochuun mul'ataa jira.

'Gochaan akkasii kun aadaa fi safuu keenya keessa hin jiru waan taheef dhaabbachuu qaba' jechuun, afooshni tokko magaalaa Ambootti hundaa'eera.

Haadholiin walitti dhufuun afooshaa 'maaddii jaalalaa' jedhu akka hundeessan aadde Taarikee Kifilee jiraattuun magaalaa Amboo BBCtti himaniiru.

Aadde Taarikeen ijoollee baay'een aadaa fi safuu keessaa bahaa dhufaniiru waan taheef barsiisuu barbaanna jedhan.

''Ijoollee xixiqqootu waan nama qaanessu, waan nama cabsu dubbata. Nuyi ammoo haadholii waan taaneef nutti dhagahama,'' jedhan aaddee Taarikeen.

Dabalataan buufatni konkolaataa bakkeewwan bal'inaan jechootni kabaja dubartootaa tuqan itti dubbatanidha jedhu aaddee Taarikeen.

Kanumarraa ka'uun hiriyyoota isaanii waliin wal waamuun ji'a Fulbaanaa keessa buufata konkolaataa deemuun arrabsoon haadhaa haa dhaabbatu jechuun akka barsiisaa turan dubbatu.

''Arrabsoon haadhaa haa dhaabbatu''

Aadde Taarikeen 'sirba Abbitoo Kabbadee waa'ee haadhaa sirbu illee buufata konkolaataa keessatti sirbinee, boonyee ijoollee waadaa galchinee, arrabsoon haadhaa haa hafu jennee barsiisaa turre,' jedhan.

Torban darbe waajjiraalee mootummaaf illee waamicha taasisuun ''arrabsoon haadhaa haa dhaabbatu,'' dhaadannoo jedhuun magaalaa Ambootti hiriira bahaniiru.

''Arrabsoon haadhaa haa dhaabbatu'' barjaa/taappellaa jedhu qopheessuun buufata konkolaataa dabalatee bakkeewwan biroo magaalaa Amboo keessa akka dhaabanis BBCtti himaniiru.

Afooshicha kan qindeessan aadde Taarikeen, safuu bade deebisuufi dhaloota hubachiisuuf hanga baadiyaatti illee deemanii barsiisuu akka barbaadan himaniiru.

Arrabsoo haadhaa dhaabsisuun gahee dubartootaa qofa jettuuree? Eenyutu haadha malee dhalate? Safuu keenya bakkatti deebisuun gahee nama hundaati.