Dhimma Tasfaayee Urgee: Manni murtii akeekkachiisa waliin guyyoota dabalataa torba qorannoof eeyyame

Madda suuraa, SAMUEL HABTAB GEBRU
Yaalii ajjeechaa Ministira Mummee Dr Abiyi irratti guyyaa hiriira deeggarsa agga'amee turee keessa harka qabu jedhamuun to'annaa jala olfaman keessaa Obbo Tasfaayee Urgee irratti manni murtii ammas guyyoota torba dabalataan qorannoof kenne.
Dhimma qorannoo hojjetaa duraanii Tika Biyyaalessaafi Tajaajila Nageenyaa kan ta'an Obbo Tasfaayee Urgee irratti poolisiin qoratu guyyoota dabalataa 10 gaafate ture.
Haa ta'u malee, manni murtii guyyoota torba kennuufii midiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Dhaddachi yakkaa sadarkaa 1ffaa mana murtii federaalaa har'a, polisii dhimmicha qoratuuf akeekkachiisa waliin guyyoota qorannoo dabalataa torba erga kenneefiin booda, bu'aa qoranichaa ALI Onkolooleessa 12, 2011 qabatee akka dhiyaatu ajajusaa FBCn gabaase.
Namoota haleellaa boombii Waxabajjii 16'n shakkamuun to'annaa jala olfaman keessaa obbo Tasfaayeen fa'i dhimmicha qindeessaniiru jedhamuun shakkamanii himatan.










