Jilli Adda Bilisummaa Oromoo haala dhaabichi biyyatti galu mijeessu Itoophiyaa seene

Madda suuraa, SBO
Jilli Adda Bilisummaa Oromoo haala dhaabichi biyyatti galuu danda'u mijeessu Itoophiyaa seene.
Jila kana miseensa Shanee Gumii akkasumas Gumii Sabaa dhaabichaa akkasumas dubbii himaa kan ta'an Obbo Toleeraa Adabaan ni hogganu.
Jilli dhaaba yeroo dheeraaf buufata isaa biyya Eertiraa godhate gara Itoophiyaa yeroo imalu waggoota dheeraa booda kan duraati.
Torban dura jilli mootummaa Itoophiyaa pirezidantii Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa fi Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaa Warqinah Gabayyoon (Dr.) durfamu walin mariin taasifame waligalamuun ni yaadatama.
Marii kanaanis dhaabni Adda Bilisummaa Oromoo karaa nagaa ta'en biyyatti galee qabsaa'uuf waligaleera.
Yeroos dubbii himaan dhaabichaa Obbo Toleeraa jilli biyyatti qajeelu haala dhaabichi biyyatti galu mijeessa jedhani ture.
''Akkaataa hogganni as jiruufi biyya adda addaa jiru biyyatti galu Finfinneetti mootummaa waliin fixate booda guyyaan galuufi(dhaabichi) akkamitti akka galu erga wal-taa'ame booda ifa taha.''
Qondaalli olaanaa dhaabichaas jilli kuni nagaan biyya seenuu isaafi hojiin isaa haal mijeessuu malee mariif akka hin imalle mirkaneessaniiru.















