Shaashamannee: Simannaa Jawaar Mohaammad irratti namoonni sadii lubbuun darbe

Madda suuraa, Getty Images
Itoophiyaa keessatti bakka gurmuun namootaa itti heddummaatuu fi bakkeewwan garagaraatti lubbuun namootaa darbuun itti fufeera.
Sanbata darbe Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Waliigaltee keessatti namoonni lama dhagaadhaan reebamanii akka du'an jiraattonni nutti himaniiru.
Dilbata kaleessaammoo sagantaa Jawaar Mohaammad simachuuf magaalaa Shaashamanneetti qophaa'e irratti namoonni walirra ejjetanii lubbuun namoota sadii darbeera.
Kan midhamanii yaaliin taasifamaa jiruufillee ni jiru.
Haa ta'u malee, ijoo dubbii kan ta'e namicha reebamee, uffati irraa ba'ee mataan gadi garagalee fannifameedha.
Namoonni hedduunis suura nama kanaa miidiyaa hawaasummaa irratti waliif qoodaa turan.
Wanti raawwate waan dhala namaa irratti raawwachuu hin malle jedhanii namoonni wal harkaa fuudhanii miidiyaa hawaasummaarratti barreessaa turan.
Wanti ofumaa himatanii, ofumaa murtee fudhachuun yakka hin malle nama irratti raawwachuu kun Shaashamannee qofaatti hin mudanne. Bakkeewwaan adda addaatti mul'ateera.
Nami maqaan isaa akka dhahamu hin feene Shaashamanneedhaa akka nutti himanitti namni ''boombii qabateera'' jedhame fannifamu isaa argeera.
Wanti raawwates ''dogongora guddaadha'' jedha. Osoollee balleesseera ta'e poolisiitti kennamuu qaba ture jechuun himata.
Hawaasni tasgabbaa'ee yaaduufi tarkaanfii akkanaa irraa of qusachuu qaba jechuun hima. ''Aadaadhuma hawaasa keenyaa keessa hin jiru,'' jechuunillee mormeera.
Hogganaan poolisii magaalaa Shaashamannee Komaandar Makoonnin Taaddasaa akka jedhanitti abbummaan namicha du'ee hin beekamne.
''Dhalataa naannoo kanaa ta'uu danda'a. Hojjetaa humnaa ta'uu danda'a. Haalichi nu rifachiiseera. Yaaddofneerra,'' jedhaniiru.
Namoota badii kana raawwatan qorataa jiraachuu komaandarichi himaniiru. Namichi ''saanjaa'' qabateera jedhamus, poolisiin homaa hin arganne jedhaniiru.
Sagantaa simannaa kaleessaa irratti tilmaamaan namoonni 400,000 ta'an Shaashamannee fi bakkeewwaan addaarraa waan qooda fudhatanif shakkamaa adda baasuun nu rakkise jedhaniiru.
Yakki biraan sanbata darbe konkolaataan fe'isaa utuu gara Naannoo Tigraayi imalaa jiruu dargaggoota naannoo Amaaraatiin dhaabsifamuun saamamaniiru.
Amma yakki ajjeechaa fi barbadaa'uu qabeenyaa iddoowwan gurmuu namootaa fi kutaalee Itoophiyaa garaagaraa keessatti haala kanaan raawwatu sadarkaa yaaddessaarra ga'eera.
Guyyoota muraasa dura Naannoo Amaaraa Godina Awwii keessatti kan argamu pirojetii oomisha Shukkaaraa Xaanaatti dhiyeenyaan kan argamtu Magaalaa Findiqaa keessatti haleellaan dhalattoota Tigraayi irra ga'uun lubbuun akka darbanillee kaasuun ni danda'ama.
Naannoodhuma Amaaraa Magaalaa Dasseetti nama yakka hojjeteef itti gaafatamummaa poolisii jala jiru namoonni biroon daandiirratti gareen haleeluuf wayita yaalan poolisiin harkaa baasuusaa Poolisiin magaalattii BBCtti himeera.
Dhimmi Naannolee Oromiyaa fi Somaalees yaaddessaa ta'eera. Daa'immanii hanga jaarroleetti haala sukanneessaan ajjeesuun Humni Poolisii Addaa Naannoo Somaalee itti fufeera.Aanaa Mayyuu Muluqqeetti namoonni 37 ajjeefamanii, 40 ol madaa'aniiru.
Seera maleessummaan bakkeewwan adda addaatti heddummaateera, bakka gurmuu namootaatti boombii darbachuun lubbuu baleessuu, konkolaataa gubuu, akkasumas namoota dhuunfaa reebanii ajjeesuu fi qabeenya nama dhuunfaa fi mootummaa balleessuun yakkoota Itoophiyaa keessatti sadarkaa yaaddessaarra ga'aniidha.
Beektonni saayinsii hawaasaa fi seeraa haala kanaan yoo deemame namoonni gara ofumaa himatanii ofuma adabuutti deemu jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Yuuniversitii Finfinneetti Barsiisaa Soosiyooloojii kan ta'an Doktar Yaraas Worqi Admaasee adeemsi hawaasi tokko ofumaa himatee ofumaa murtee fudhachuu kun wayita ummanni hacuucamee ture bilisa ba'ee waan fedhe yoon raawwadhe namni na gaafatu hin jiru sadarkaa jedhurra ga'uudha kan uumamu jedhan.
Kanaafuu namoonni waan kana keessatti qooda fudhatan xiinsamuuudhaan socho'u otoo hin taane miira waloo ykn gurmuutiin oofamuun badii geessisu jedhan.
Qabsoo ummataa waggoota arfan darban geggeeffamaa ture qajeelchuu keessatti qooda fudhachaa kan ture Xiinxalaan siyaasaa Jawaar Mahammad gamasaatiin wayita ce'umsi mootummaa abbaa hirree irraa gara mootummaa dimokiraatawaatti taasifame qaawwi nageenyaa akka uumamu ibseera.
''Yerochi yeroo ce'umsaa fi yeroo qaawwaan nageenyaa keessatti mudatu waan ta'eef, namoonnis sadarkaa qawwee sodaachuurra taraniiru, adeemsi seeraammoo dadhabeera,qaawwaan akkasiimmoo seera maleesummaa babal'isa.'' jedha Jawaar Mahammad.













