Magaalaa Kombolchaatti waldhabdee uumameen namoonni miidhaman

Magaalaa Kombolchaa

Madda suuraa, Kominikeeshinii Magaalaa Kombolchaa

Guyyaa kaleessaa Masjiida Taquwaa kan Magaalaa Kombolchaa Ganda 6 keessatti argamu keessatti waldhabdee akkaataa barumsa amantaa Islaamaa irratti uumameen mudateen namoota 33 irra miidhaa cimaa fi salphaan ga'eera.

Yeroof rakkoo kana uumaniiru jedhamanii kan shakkaman namoonni 10 to'annoo jala ooluu Hoogganaan Waajjira Poolisii Magaalaa Kombolchaa Komaandarri Itti Aanaan Yaalellat Zagayyee BBCtti himaniiru.

Balaan kun barattoota Madrasaatti qur'aana qara'aa turanirra kan ga'e yoo ta'u, namoota miidhaman keessaa kudhan kan miidhaa cimaan irra ga'e Hospitaala Riiferaalaa Dasseetti yaalamaa jiru.

Namoonni miidhaman biroon 22 buufataalee fayyaa lama magaalaa Kombolchaa keessatti argamanitti yaalamanii manasaaniitti deebi'aniiru jedhu Hoogganichi.

Hoogganaan Waajjira Poolisii kun itti dabaluun akka ibsanitti akkaataa filannoo Koree Amantaa Islaamaa bara 2004 geggeeffameen Masjiidi kun Majilisa jalatti akka bulu murtaa'us amma garuu gareen biraan ka'ee '' Masjiida kana nutu ijaare, nuuf haa deebi'u, abbootiin amantaa duraan turanis haa deebi'an'' kan jedhu of qindeessee as ba'eera jedhan.

Masjiidi kun majlisa jalatti hammatamuusaatti kan aaran hordoftoonni amantaa muslimaa gara masjiida kanarraa yeroo dheeraaf of qoollifataa turanis, bara kana ji'a ramadaanaa keessa masjiida kanatti salaataa turan jedhan.

Akka Hoogganaan Waajjira Poolisii kun jedhanitti dhimma wal dhabdee tureerratti araara buusuuf jecha qaamolee nageenyaa waliin yeroo dheeraaf mari'atamus bu'aa hin argamsiifne.

Waldhabdee hordoftoota amantaa kanneen gidduu ture tasgabbeessuuf jecha ji'oota tokkoo oliif poolisiin eegumsarra turuu kan ibsan hoogganaan kun amma garuu nageenya isaaniif waan sodaataniif gadi dhiisanii ba'uuf gaafachaa jiru jedhan.

Waldhabdee uumame akkaataa hiikuun danda'amurratti utuu poolisiin magaalaa fi koreen dhimma kanaaf hundaa'e mariirra jiraniiti gidduudhaan walitti bu'iinsi kun kan uumame jedhu hoogganaan kun.

Masjiida Taquwaatti barachaa kan jiran jiraattonni naannoo kanaa Yuusuf Mahammadii fi Mahammad Alii kutaalee biyyattii garagaraarraa barattoonni dhufanii mana barumsaa kanatti barachaa jiraachuu dubbatan.

Masjiidi kun muslimoota naannoosaa jiraniif homaa buusaafii hin jiru kan jedhan namoonni kunneen garuu masjiida kana kan hundeessemmoo uni jechuun gaaffii abbummaas gaafataniiru.

Masjiida kanarratti yeroo dheeraaf gaaffiin abbummaa dhiyaachaa akka turee fi ammas irratti mari'atamaa jiraachuu ibsan Ogeessi Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Kombolchaa Obbo Saamu'eel Kiroos.

''Masjiidonni hundinuu Majlisa jalatti buluun hawaasi muslimaa hundi qixa akkarraa fayyadamuuf hojimaata ba'erratti hundaa'uun mootummaan deggeraa ture jedhan'' Obbo Saamu'eel.

Haata'uutii kaleessa naannoo sa'atii 2:00tti utuu qur'aana qara'aa jiranii namoota ''nuuf ta'a'' jedhanirratti reebichi geggeeffamuu ibsaniiru.

Kan qara'aa turan umuriinsaanii waggaa 14 hanga 18 yoo ta'u, warri haleellaa raawwatan dullaa, feerroo fi madooshaa baatanii turan jedhan.

Magaalaa Kombolchaatti Itti waamamaa Amantaa Islaamaa kan ta'an Sheikh Sa'id akka BBCtti himanitti waldhabdeen Majilisaa fi warra masjiida kanarratti gaaffi abbummaa kaasan gidduutti erga dhagahamee bakka kantiibaan magaalaa fi abbootiin amantaa argamanitti mariin geggeeffameera jedhan.

Kamisa ganama koree waliin mari'achuuf utuu beellamni qabamee jiruu masjiida qulqulleessina jechuun hawaasa muslimaa dammaqsanii akka dhufan dubbatan.

''Walga'iin Masjiida Kaaliditti waamame. Achitti miti'' wayita jedhaman diddaasaanii dhageessisuun rakkoon gidduu kanatti akka uumame dubbatan.

Rakkoowwan mudatan hiikuuf majilisi maal hojjeteera, maal hojjetaas jira gaaffii jedhuuf, Sheikh Sa'id Alii hanga ajaji Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa akkasumas Mana Maree Ulamootaarraa darbutti eeguun akkarra jiraatu dubbatan.

Yaada kana warra gaaffii abbummaa masjiida kanarratti kaasaniif akka dhiyeessan kan dubbatan Sheikh Sa'id isaan garuu ''miidhamneerra, ijoolleen keenya qur'aana qara'aa hin jiran, imaamonni keenya nu haa salaachisan, namoota keenya bakka buufanna'' gaaffileen jedhan dhiibee akka ba'e dubbatan.

''Nuti gama keenya hojimaati gama kanaan ba'e waan jiruuf warreen duraan turan shaaruu hin dandeenyu'' wayita jennu gidduu kanatti rakkoon kun qaqqabe jedhu.

Magaalaansaanii ammaan tana sodaa keessa jiraachuu kan dubbatan Sheikh Sa'id Alii qaamoleen federaalaa furmaataa hatattamaa kennuu akka qaban gaafataniiru.

Hanga masjiidicha bulchaa kan ture majilisa ta'uu kan ibsan Sheikh Sa'id erga walitti bu'iinsi kun uumamee garuu qaamolee nageenyaa mootummaatiin eegamaa jiraachuu BBCtti himaniiru.