"Fakkiiwwan kaasu tokko tokko abjuunan arga" - Yamaanee Hundee

Fakkii harkaan kaafame

Madda suuraa, Yemane Hunde

Ogummaan fakkii kaasuu kennaa ganamaan isaaf kenname ta'uu beekee namni jireenya qajeelfate Yamaanee Hundee fakkiiwwan gara garaa ergaa jajjaboo dabarsaniin beekama.

Keessattuu fakkiiwwan warraaqsaa humna guddaa qaban ardiilee gara garaa qaxxaamuranii fudhatama argataniiruuf.

Attamitti akka ogummaa fakkii kaasuu eegalerraa kaasee milkaa'ina ogummaa kanaan irra ga'eefi namoonni ogummaa kana keessa jiran waan irraa barachuu danda'an BBC'tti himeera.

Barsiisaan maqaan isaanii Wandimmuu Birruu jedhaman kennaa fakkii kaasuu ittii milkaa'eef ga'ee akka qaban kan dubbatu Yamaaneen, waan guyyaa tokko mana barumsaatti isa mudate akkasiin yaadata.

Yeroos barataa kutaa lamaa ture.

"Simbira tokkotu muka baargamoo dulloomaafi jaaraa baala hin qabne tokkorra teessi turte. Sana fakkeessee kaasuudhaaf yaalii guddaan godhe garuu hin milkoofne," jedha.

"Yeroon ani aariidhaan waraqaa ciree gatu dhaabatanii na ilaalu ture. Yeroo ani fuula lammaffaatti darbu ammas dhaabataniima na ilaalu. Anis isa lammaffaa bareecheen hojjedhe," jedha.

Barsiisaan sun waan inni hojjete arganii itti gammaduun ol fuudhanii baatanii barattootatti agarsiisuun kudhan keessaa kudhan akka kennaniif dubbata Yamaaneen.

Guyyaa hamilee barsiisaa kanaa argatee jalqabee Yamaaneen barruuleen isaa hunduu fakkiitti akka jijjiiraman dubbata.

Kunis maatii biratti akka hin hayyamamneef kan dubbatu Yamaaneen, reebamaa turruullee hin daganne.

Barnoota sadarkaa lammaffaa erga xummureen booda akaakuu barnootaa kennaa isaa waliin deemu 'Fine Art' barachuuf carraa argatee milkaa'eera.

Bilillee/Mahibuubaa

Madda suuraa, Yemane Hunde

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Bilillee/Mahibuubaa bifa ammayyaan hojjetame

Fakiiwwan bakka lamatti qoodeen ilaala jedha Yamaaneen. Waan dhugaatti qabatamaan lafarratti mullatuufi kan dhokataa (abstract art) jedhamu akka ta'an hima.

Fakiiwwan hedduu kaase keessaa kan akka addaatti yaadatu yoo jiraateef gaafatamee, fakkiiwwan qabsoo ittiin hedduu milkaa'e yaadata.

Bara 2005 namoota magaalaa Gimbiitti mootummaan hidhe gaafachuuf maatiifi firoonni gara mana hidhaatti yaa'aa turan jedha.

"Waggaa tokkoof gara Sanqallee-Amboo geeffamanii erga hidhamanii booda Gimbiitti kan deebifaman. Erga deebifamanii ture maatiifi firoonni isaanii carraa gaafachuu kan argatan."

Namoonni hedduminaan gara mana hidhaa deemanis yeroon itti maatiin hidhamtoota akka dubbisaniif eyyamamuuf saatii tokko qofaa ture jedha.

Haalli achi ture sun baayyee hamaa ta'uu ibsuun, namoota hidhamtoota gaafachuu dhufan keessa dubartii mucaa dugdatti baattee tokko bifa addaan yaadata. .

Akka inni jedhutti, dubartiin sunis haadha manaa barsiisaa tokkoo turte. Abbaan manaashee waliin walfuudhanii osoo hin turiin kan hidhame. Yeroo hidhamuttis ulfa ta'uu haadha manaa isaa hin beeku ture.

Amma inni waggaa tokkoof mana hidhaa Sanqallee turee mana hidhaa Gimbiitti deebi'uutti deessee isa eegde.

"Mucaan isheen deessee dugdatti baattee jirtu sun yeroon ilaalu balee keessaan ija isaa tokkotu mullata. Mucaan sun balee ijasaarra bu'ee jiru jalaan nama ilaala ture," jedha.

Mucaa balee jalaan ija tokkoon nama ilaalu

Madda suuraa, Yemane Hunde

Ibsa waa'ee suuraa, Mucaa balee jalaan ija tokkoon nama ilaalu

Yeroo sanatti waraqaafi qalama harkatti qabatee tureen kaafatee akka deeme himee, erga baay'ee turee seenaa sana gara artiitti jijjiiruu dubbata.

"Namoonni suura sana argan osoo hin bitiin hin ba'an ture. Yerooma sana gara koppiii 36 akkan gurgure nan yaadadha," jedha.

Keeniyaafi Kanadaa dabalatee yoo xiqqaate fakkiidhuma tokkicha kana gara koppii 48 gurgureera jedha Yamaaneen.

Fakkii maallaqatti geeddaruu

Yamaaneen fakkiiwwan kaasuu qofa osoo hin taane maallaqatti jijjiiruunis hedduu milkaa'eera.

Iccitiin kanaa ammoo waan namni barbaadu irratti xiyyeeffachuudha jedha.

"Fakkiin duraan kaasaa ture haalluu addaa addaa fayyadamuun ergamtootaan kaasa ture. Waanti akkas akkasi sun baay'ee gurguramu ture. Yeroon biyya ture artiidhaan 'bizinesii' guddaa keessa galeen ture," jedha.

Karrayyuu

Madda suuraa, Yemane Hunde

Ibsa waa'ee suuraa, Dargaggeessa karrayyuu

Halluu mimmiidhagaa barbaachisu fayyadamuun alattis beeksiisuun barbaachisaadha akka Yamaaneen jedhutti.

"Fakkiin hojjedhu hundaa gaafa Sanbataa duraafi Roobii alatti gadi baaseen mana keenya jala naqan ture. Namoonni gabaa dhufanis hedduminaan ni ilaalu turan," jedha.

Fakki ykn hojii aartiin hojjetamu karaa danda'ame hundumaan mul'isuutu baayee barbaachisaadhas jedha.

Fakkii abjuun...

Yaadni gara fakkiitti jijjiiramu yeroo itti abjuun namatti mul'atu ni jira jedha Yamaaneen.

"Sababuma waa'ee aartii yeroo hundaa yaaduuf ta'e hin beeku malee si'a tokko tokkoo waan hojjechuu maltu abjuun iyyuu ni agarta."

Si'a tokko tokkoo ammoo haalli addaa addaa fakkeenyaaf siyaasi gara sanatti akka kakaatu si godha jedha.

Erga gara Kanaadaa deeme fakkiiwwaan irratti hojjechaa ture fakkii waraaqsaa yookaan siyaasaati jedha.

"Erga bara 2014 as dargaggootni bakka addaa addaatti du'an guyyaa guyyaan suurri isaanii maxxanfama ture, sun baay'ee na aarsa natti dhagahamas ture," jedha.

Akkamiin ajjeechaa kana ibsuu akka danda'u taa'ee yaadee fakkii barataa ajjeefamee qala'aa keessa ciisuu, dabtarri isaamoo harkaa harca'ee jiru kaasuun salphaatti yaadasaa ibsachuu dubbata.

Barataa ajjeefamee qalahaa keessa ciisu

Madda suuraa, Yemane Hunde

Ibsa waa'ee suuraa, Barataa ajjeefamee qalahaa keessa ciisu

Aadaan, uffannaafi faayaan adda addaa ayyaana irreechaarratti mullatan hedduun yaada gara fakkiitti jijjiiraman akka of keessaa qaban dubbata Yamaaneen.

Of duratti maal argita?

Akka Yamaaneen jedhutti biyya Kanaadaa inni keessa jiraatu keessatti mootummaan maalaqaan hanga ta'e tokko deggeersa namaaf taasisa.

Kana qofa miti, galma ni kenna, beeksiisa barbaachisuu namaaf godhuu, keessummaas ta'e midiyaas namaaf afeeru.

Kanaafuu carraa kanatti fayyadamuun, ummannis ta'e mootummaan Kanaadaa waa'ee seenaa Oromoo, waa'ee aadaafi siyaasa Oromoo akka baruuf irra guddinaan irratti hojjechaan jira waan ta'eef yeroo dhihootti kana nan mul'isa jedhaeen abdi qaba," jedha.

Kana malees artiin kun biyyaa gara biyyaatti kan adeemu ykn socho'u akka ta'uuf karoora akka qabullee ni dubbata.