Namtichi meeshaalee waraanaa 500 manasaatti argame himatame

meeshaalee qabaman

Madda suuraa, kutaa haqaa LA

Ibsa waa'ee suuraa, qawwee gosa garaagaraa 550 ol qabaman

Loos Angeelas Qajeelchi Kaawuntii Sheriif sakattaa'iinsa eeruu ollaa irraa ka'uun gaggeesseen meessaa waraanaa 500 olii mana nama yakkaan himatanee tokkootii aragu ibseera.

Anga'oonnis himatamaa Imaanu'eel fernaandez jedhamuufi nama waggaa 60 ta'ee erga guyyoota lamaaf skkata'anii booda kana beeksiisan.

Innis meeshaalee waraanaa yakkaa qabaachuu saatii fi meeshaalee dandeettii cicimoo qaban kan akkasii mana isaatti rgamu isaatiiif himanaan irratti banameera.

Haa ta'u malee namtichi hidhamee guyyaa tokko booda wabii doolaara 35,000'n gadhiifameera. Angaa'onnis akka namni kun meeshaalee waraan hedduu mana isaatii qabuu jiraattoota naannichaa irraa eeruu argachuu beeksiseera.

meeshaalee qabaman

Madda suuraa, kutaa haqaa LA

Ibsa waa'ee suuraa, Meshaaleen tokko tokko waggota kurnan baay'eef turaniiru

Barbaacha meeshaalee waraanaa jalqaba guyyaa Kamisaa taasifameen meeshaaleen 432 argamu Qajeelchi Shariif Guyyaa Wiixata ibsa kenneera.

Guyyaa itt aanuu aanga'oonni naannichatti deebii'un sakatta'iinsa taasisaniin rasaasa 91 dhokfamee ture fi kumpitarootaa fi meeshaalee elkitironikaa ittiin meeshaalee waraanaa karaa seeraan alaa ittiin bitaa turan manicha keessa dabalataan argatan.

Qorannoonni kanneenis gara mana dubartii tokkoo qajeeluun ammas sakata'iinsa taasisaniin dabalataan qawwee 30 argatan.

Wayita sakkata'insii taasifameettis dubartittiin manashee keessa kanhin turre fi isaan boodas gara manaatti hin deebiine jedhameera.

Qorannoon kunis yakka xiqqeessuuf meeshaalee waraanaa saamichaa fi ajjechaaf oolan harka yakkamtootaatii baasuuf yaadamee hawwaasaan deeggarameedha jedhan hogganaan wajjira haqaa Loos Anjeelas Maak Doonel.

meeshaalee qabaman

Madda suuraa, kutaa haqaa LA

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka buutotni federaalaa qorannoof deegara jiru
meeshaalee qabaman

Madda suuraa, kutaa haqaa LA

Lammiileen Ameerikaa yakka cimaan akkasitiin himatamanii feeloonii jedhamuun beekamanis mirga seeraa qawwee qabachuu isaanii dhabu.

Wayita ammaa kanattis qorattoonni Mr Fernaandez irratti himannaa banuuf qophii taasisaa jiru.