Waliigaltee irratti walii hin galamiin yoona gahe - 'Waliigaltee Aljersi'

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Itiyoo-Eertiraa badii lubbuu namaafi qabeenyaa gudda geessise. Waraana kanaaf xumura akka ta'uufi biyyoota lamaan gidduutti nagaafi araarri akka bu'u magalaa guddittii Aljeeriyaa Aljeersi keessatti waliigalteen tokko mallattaa'e.
Mudde 12 bara 2000 ministira muummee itoophiyaa duraanii Obbo Mallas Zeenaawii fi Pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afeworqiin kan mallattaa'e sanadi waliigaltee keeyyata 6 qabu kun, galma gurguddoo afur qaba ture.
- Diinoma biyyoota lamaan gidduu jiru dhaabuufi biyyootni lamaan wal-doorsisuufi haleellaa akka dhaaban.
- Waliigaltee wal-diinomfachuufi waraana dhaabuu Waxabajjii 18 bara 2000 dursee mallatteeffame kabajuufi hojiirra oolmaasaa mirkaneessuu.
- Looltoota booji'amaniifi namoota hidhaa irra jiran biyyootni lamaanuu walii gadhiisanii gara biyya isaaniitti akka deebisan.
- Biyyootni lameenuu mirga namoomaa lammiilee biyya kaanii daangaa isaanii keessa jiranii akka tiksan.
Galmawwan armaan olitti eeraman akka milkaa'aniif komishiniin daangaafi beenyaa walaba ta'e akka dhaabbatu taasifame.
Komishiniin miseensota 5 qabu kun qorannoo erga taasisee booda daangaan wal-dhabdeen irratti uumame biyya kamiif akka malu akka murteessu waliigalteerra gaahame.
Sanada waliigaltee sana keeyyata 2 muraa 2 jalatti koomishiinichi seerota idil-addunyaa bu'uura godhachuun murtee akka kennu eerameera.
Keeyyata 2 muraa 15 jalatti ammoo murteen komishinichi kennu 'kan xumuraafi biyyootni lamaan kan bitamaniif' akka ta'e eerameera.
Murtee kenname
Teessoon komishiinii kanaa biyya Neezarlaand wayita ta'u, biyyootni lamaan ragaalee qaban dhiyeeffatanii komiishinicha fuulduratti wal falmaniiru.
Eebla 13 bara 2002 Komishiniin daangaa Itiyoo-Eertiraa murtee dabarseen, lafa biyyootni lamaan irratti wal-dhaban keessaa tokko kan taate Baadimmeen Eertiraaf murteesse.
Itoophiyaan murtee kana fudhattee loltoota ishee Baadimmee keessaa baasuuf hayyamamtuu hin ta'iin hafte.
Akkaataa murtee komishinichaatiin daangeffamni yoo eegale rakkoolee ni uumamu jettu tarreessuun biyyootni lamaan marii dabalataaf akka taa'an gaafatte.
Eertiraan gaaffii Itoophiyaa kana hin fudhanne, sababa kanaanis wal-dhibdeen biyyoota lameenii waggoota dabalataa 16'f fala hin argatiin ture.
Waggoota kana mara Eertiraan waliigalteen Aljeersi kun akka hojiirra oolu san ta'uu baannaan biyyoota lamaan gidduu nagaan jiraachuu akka hin dandeenye dubbataa turte.
Ministirri muummee haaraa Itoophiyaa haasawa muudama isaaniirratti taasisaniin dhimmoota gurguddoo irratti xiyyeeffatan keessaa tokko Eertiraa waliin nagaa buusuu ta'uu himanii turan.
Yeroos ministirri odeeffannoo Eertiraa Obbo Yemaanee Gebremesqal nagaan akka bu'u Itoophiyaan dursitee waliigalteen Aljersi hojiirra akka oolu gochuu qabdi jechuun deebii kennanii turan.
Haaluma kanaan kaleessa yaa'ii idilee isaa kan taa'e koreen hoji raawwachiiftuu ADWUI, egeree biyyoota lamaaniif jecha Itoophiyaan waliigalticha hal-duree tokko malee hojiirra akka oolchitu beeksise.
Kunis wal-dhibdee waggoota 20 oliif biyyoota lamaan gidduu tureef furmaata waaraa kenna jedhamee eeggama.
Ta'us ammallee deebiin Eertiraan dhimmicha irratti kennitu murteessaadha.
Gama mootummaa Eertiraa irraa wanti dhagaahame hin jiru.














