Duulli narratti baname itti yaadamee kan raawwatame - Baqqala Garbaa

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeenya kana hogganaan paartii mormituu KFO fi falmaa mirgaa namoomaa kan ta'an obbo Baqqala Garbaan gaaffiifi deebiin sab-himaa biyya alaa jiru Oromiyaa Miidiyaa Netwoork waliin taasisan dubbii ijoo miidiyaa hawaasummaa ta'eera.
Obbo Baqqalaan dubbii dubbatan keessaa 'wareegama ijoolleen Oromoo kaffalaniin ormi caalaatti fayyadamaa jira' jedhaniiru.
Kanas yoo ibsan namoonni waraana bobbaasanii mootummaa waraanaa turan gadhiifamanii masaraa mootummaatti yoo simataman, ijoolleen Oromoo har'allee mana hidhaatti dararamaa jiru jedhan.
Wantin ani jechuu barbaade sirriitti hin hubatamne jedhu Obbo Baqqalaan.
Hiikamuu namoota biroo
Waggaa afur darban keessa namootni 5000 tahan wareegamuufi namooti 40,000 tahan hidhaa irraa hiikamanis, namoonni ammas hin hiikamne jiraachuu dubbatu.
"Sirna biyyatti rakkoo keessa galche diimookiraateessuuf wareegama ol-aanaa kan kaffale Oromoo dha, ta'us kan caalaatti fayyadamaa jiru warra kaani," jedhu.
''Kaleessa haqa-dhabiinsiifi loogin ture har'as itti fufee jira. Namootni yakkaa wal-fakkaatuun himatamanii kan hiikaman jiruu kan hin hiikamne jiru," jedhu.
Namoota hiikaman irraa mormii akka hin qabneefi seerri tokko hundumaaf hojjechuu akka qabu, kuni yoo tahuu baate waan mormii kanaan dura mootummaa irratti kaa'aa tureen adda akka hin taane dubbatu.
'Orma'
Qeeqa isaan irratti dhiyaateef deebii keennaniinis ''Orma jechuun namoota biroo, Oromoo kan hin taane paartii keenyaan ala jiran malee, nama biyya alaatii dhufe yookiin immoo lammii biyyaa kan hin taane jechuu mitis' jedhaniiru.''
Paartiin isaanii fedhiifi mirga Oromoo kabachiisuuf kan dhaabbate tahuu himuun kunimmoo paartii biraa jibbuu akka hin taaneefi warra fedhii wal-fakkaataa qaban waliin akka hojjetan dubbatan.
"Waan ani hin jenne dogoggoran hubatanii, akka hin malletti dhaadhessuunis dogoggora osoo hin taane 'duula maqa balleessi ta'e jedhamee raawwatedha," jedhu.
Haasaa isaanii keessaa jecha tokko fudhachuun maqaa balleessuu yaaluun dogoggora guddaa akka tahe fi balaa siyaasaa akka fidu himuun namootni gaaffii deebii taasifame irra deebi'anii akka dhaggeefatan gaafataniiru.













